Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa haqa qabeessa ta’ee mirkaneeffachuu fi mirga itti fayyadamuuf qabdu karaa nagaa ta’een argachuuf hojjechaa jirti — Pireezidaanti Taayyee Atsqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa haqa qabeessa ta’ee mirkaneeffachuu fi mirga itti fayyadamuuf qabdu karaa nagaa ta’een argachuuf hojjechaa jirti — Pireezidaanti Taayyee Atsqasillaasee
Onkololeessa 2/2019 (ENA):- Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa haqa qabeessa ta’ee mirkaneeffachuu fi mirga itti fayyadamuuf qabdu karaa nagaa ta’een argachuuf hojjechaa akka jirtu Pirezidaantiin RFDI Taayyee Atsqasillaasee ibsan.
Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaan Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee bakka argamanitti kabajameera.
Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaan mata-duree “Alaabaan Keenya Waliigaltee Biyyaalessaafi Tokkummaa Keenyaaf!” jedhuun kabajamaa jira.
Pireezidaant Taayyee Atsqasillaasee yeroo kanatti akka ibsanitti, Itoophiyaan imala guddinaa ishee sirrii fi milkaa’ina qabu taasisuuf kutannoon hojjechaa jirti.
Agarsiiftuu kallattii guddinaa kanaa keessaa inni guddaan dhimma Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu qabdu ta’uu kaasaniiru.
Kallattiin Itoophiyaan hordoftu tumsa waliinii fi faayidaa waloo naannichaa irratti kan hundaa’e ta’uu ibsuun, mirga hulaa galaanaa haqa qabeessa ta’een argachuu fi itti fayyadamuu qabdu mirkaneessuuf hojjechaa akka jirtu hubachiisaniiru.
Kaayyoo kana milkeessuufis karaa nagaa, dippilomaasii fi qajeeltoowwan kennuu fi fudhachuu irratti hundaa’een hojjetamaa akka jiru eeraniiru.