Tamsaasa Kallatti:

Alaabaan keenya mallattoo Birmadummaa fi kabaja kenyaati   Afa-yaa'ii Caffee Oromiyaa Obbo Abdusalaam Waariyoo

Onkololessa 2/2019 (ENA)  ‎ Alaabaan keenya mallattoo Birmadummaa fi kabaja kenyaati  jedhan  Afa-yaa'iin  Caffee Oromiyaa  Abdusalaam Waariyoo

 Guyyaan  Ayyaana Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaan  guutu biyyaalessaatti   kabajamaa jira.

‎Hooggantoonnifi Hojjettoonni seektaraalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa guyyaa Alaabaa 19ffaa Waajjira Caffeetti  mata  duree  "Alaabaan keenya waliigaltee biyyaaleessaa fi tokkummaa keenyaaf"  jedhuun kabajaniiru.


 

‎‎Sirna kabajaa kanarratti Afa-yaa'ii Caffee Oromiyaa  Abdusalaam Waariyoo haasaa taasisaniin  guyyaan alaabaa har'a kabajamu yeroo biyyi keenyaa mootummaa haaraa itti hundeessitetti ta'uu ibsuun, ‎birmadummaa fi kabajni biyya keenyaa alaabaa keessatti kan mul'atu ta'uu dubbataniiru.

Gootoota biyya keenyaa aarsaa qaqqaalii kaffaluun biyya birmadummaan ishee eegame nu dhaalchisan galateeffataniiru.


 

‎Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qaamoolee nageenyaa sadarkaan jiran yeroo ammaa birmadummaa biyya keenyaaf  arsaa kaffalaa  jiraniifis  galataa fi kabajni guddaan kan isaanif malu ta'uu ibsaniiru.

‎‎Abbootiin keenyaa garaagarummaa  sabummaa fi amantaa tokko malee tokkummaan biyya keenya diinarraa bilisa baasuun alaabaan biyya keenyaa fakkeenya Afrikaa ta'uun addunyaarratti akka mirmirfamu taasisuu kaasuun, dhaloonni har'aas tokko ta'uun imala badhaadhinaa biyyi keenya eegalte cimsee itti fuufsiisuun biyya badhaate ijaaree dhaloota egeree dhaalchisuun seenaa haaraa hojjechuu akka qabus dhaamaniiru.

#BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015