Tamsaasa Kallatti:

Ergaa itti aanaa Ministira Muummee Obbo Tamsgeen Xurunaa

Alaabaan keenya mallattoo duudhaa Ida’amuu, tokkummaa keenyaafi olka’insa Itoophiyaa ti!

Har’a Guyyaa Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaa kabajneerra!

Alaabaan biyyaalessaa seenaa wareegama abbootii keenyaa kan nu yaadachiisu, cichoomina hojii har’aa keenyaa kan calaqqisiisu, akkasumas mul’ata badhaadhina egeree keenyaa kan agarsiisu mallattoo olka’insa biyya keenyaa ti.


Kaayyoon ijoo Mootummaa Ida’amuu Itoophiyaa tokkummaa, nageenya, misoomaa fi badhaadhina gama hundaan mirkaneessuun biyya keenya gara sadarkaa olaanaatti ceesisuudha.

Alaabaan keenya mallattoo tokkummaa sabdaneessummaa keenyaa ta’uu qaba malee madda garaagarummaa keenyaa ta’uu hin qabu. Saba, afaan, aadaa fi amantiidhaan garagar haatanuu malee, eenyummaa Itoophiyaummaa keenyaa fi mul’ata misooma waliinii keenyaan tokko taaneerra.

Yaad-rimeen Ida’amuu garaagarummaa keenya akka qabeenyaatti akka ilaallu, duudhaalee waliinii keenya akka cimsannu, akkasumas tumsaafi waliin hojjechuun guddinaafi badhaadhina biyya keenyaa qabatamaan akka mirkaneessinu nu kakaasa.


Guyyaa biyyaalessaa guddaa kana irratti, alaabaa keenya ol kaasnee yeroo mirmirsinu, tokkummaa keenya, nageenya keenya, birmadummaa biyya keenyaa fi badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuuf kutannoo qabnu hojii qabatamaadhaan haa agarsiisnu.

Baga Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaan nagaan geenye!

#BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015