Alaabaan mallattoo tokkummaa sabdaneessummaa fi birmadummaa biyyaati - ENA Afaan Oromoo
Alaabaan mallattoo tokkummaa sabdaneessummaa fi birmadummaa biyyaati
Onkololessa 2/2019 (ENA) Alaabaan mallattoo tokkummaa sabdaneessummaa fi birmadummaati jedhan Afa-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Obbo Ahimad Shidee.
Guyyaan Ayyaana Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaan bakka Pirezidaantiin FDRI Taayyee AtsqaSillaasee argamanitti kabajamaa jira.
Ayyaanichi mataduree ‘’Alaabaan keenya waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa keenyaaf" jedhuun kabajaa jira.
Afa-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Obbo Ahimad Shidee guyyaa Alaabaa ilaalchisee ergaa dabarsaniin " baga guyyaa Ayyaana Alaabaa bara kanaatiin nagaan geessan" jedhaniiru.
Barana marsaa 19ffaaf kan kabajamu guyyaan kun mata duree murteessaa fi yeroo isaatiin walsimatuun kabajamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Alaabaan keenya seenaa waloo Itoophiyaa kan irratti barreeffame, mallattoo ciminaa fi gootummaa keenyaa, akkasumas ibsituu birmadummaa keenyaati jedhaniiru.
Mani marichaas Aangoo fi itti gaafatama seeraan kennameefiin ayyaana biyyaalessaa kana ol'aantummaan qindeessuu, hogganuu fi hojii kabaja Alaabaa ol kaasanii hojjechuu ibsaniiru.
Mani mariachi Imaanaa seenaa fi ummataa kana fudhatee taatee guddaa kana qopheessuu isaatiin gammachuu guddaantu itti dhaga'ama jechuun dubbataniiru.