Alaabaan Biyyaalessaa Mallattoo Eenyummaa, Injifannoo fi Tokkummaa Itoophiyaati- Pireezidaant Taayyee Atsqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Alaabaan Biyyaalessaa Mallattoo Eenyummaa, Injifannoo fi Tokkummaa Itoophiyaati- Pireezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Onkololessa 2/2019 (ENA) Pireezidaantiin Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa Taayyee Atsqasillaasee, Alaabaan Biyyaalessaa mallattoo eenyummaa fi asxaa lammiilee Itoophiyaa ta’uu ibsan.
Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaan yeroo kabajamaa jirutti, Pireezidaantichi ergaa dabarsaniin, alaabaan biyyaalessaa aarsaa abbootiin keenya bilisummaa fi birmadummaa biyya isaanii kabachiisuuf kaffalan, akkasumas tokkummaa biyyaalessaa fi hariiroo sabdaneessummaa keenyaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Gootonni abbootiin keenya lafee isaanii caccabsuun, dhiiga isaanii dhangalaasuunii fi aarsaa lubbuu kaffaluun alaabaa kabajaan nu dhaalchisan mallattoo injifannoo keenyaa ta’uu eeraniiru.
Itoophiyaan waggoota dheeraaf bilisummaa fi birmadummaa ishee tikfachuun of kabachiisaa akka turte kan ibsan Pireezidaantichi, alaabaan biyyaalessaa ijaarsa sirna mootummaa biyyattii waliin walitti hidhata cimaa qabaachuu himaniiru.
Kabajni Alaabaa Biyyaalessaa bara kanaa sirna hundeeffama Mootummaa Ida’amuu waliin kan walqabatu ta’uun isaa adda kan isa taasisu ta’uu eeraniiru.
Tokkummaa fi walqixummaa uummattootaa kabajuu, walamantaa cimsuu fi sabdaneessummaa Itoophiyaa caalaatti jabeessuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Itoophiyaanonni yeroo hunda qaamolee birmadummaa biyya isaanii sarbuuf yaalan hunda injifachuun deebisaan eerani kunis jaalalaa fi kabaja biyya isaanii akkasumas alaabaa biyyaalessaa isaaniif qaban irraa kan madde ta’uu dubbataniiru.
Alaabaan Itoophiyaa mallattoo injifannoo lammiilee biyyattii qofa osoo hin taane, uummattoota bilisummaa isaanii kabachiisuuf qabsa’an hundumaafis mallattoo injifannoo ta’uu ibsaniiru.
Waggoota darban keessatti rakkoolee biyyattii mudatan garaagaraa tokkummaa fi cichoominaan keessa darbuun kan danda’ame, tokkummaa uummata Itoophiyaa irraa kan madde ta’uu hubachiisaniiru.
Alaabaan Biyyaalessaa, seenaa injifannoo, aarsaa abbootii keenyaa, bilisummaa, birmadummaa fi tokkummaa uummata Itoophiyaa dhaloota irraa gara dhalootatti dabarsuuf gahee olaanaa qabaachuu isaa ibsaniiru.