Alaabaan keenya eenyummaa keenya waloo, Aasxaa bilisummaa fi mallattoo tokkummaa keenyaati- Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Alaabaan keenya eenyummaa keenya waloo, Aasxaa bilisummaa fi mallattoo tokkummaa keenyaati- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Onkoloolessa 2/2019 (ENA):- Alaabaan keenya eenyummaa keenya waloo, mallattoo bilisummaa fi tokkummaa keenyaati jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.
Kantiibaa Adaanechi, mata duree, "Alaabaan keenya waliigalteef tokkummaa keenyaaf!" jedhuun kabajamaa kan jiru guyyaa Ayyaana Alaabaa biyyaalessaa 19ffaa irratti, ergaa baga ittiin isin gehee dabarsaniiru.
Guyyaa Alaabaa biyyaalessaa 19ffaa kan bara 2019 mata duree Alaabaan keenya waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa keenyaaf!" jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti kabajamaa jiraachuu isaa hubachiisaniiru.
Alaabaan keenya eenyummaa keenya kan waliinii, mallattoo bilisummaa fi tokkummaa keenyaati jedhaniiru.
Garaagarummaa keenya mariidhaan haa furannu, tokkummaa keenya waliigalteedhaan haa jabeessinu, biyya keenyas tattaaffii waloon haa ijaarru, har’a Alaabaa keenya yommuu ol kaafnu, boru kabaja, nagaa fi badhaadhina Itoophiyaa ol kaasuuf waadaa haa seennu jechuun waamicha dhiheessaniiru.