Tamsaasa Kallatti:

Guyyaan Alaabaa 19ffaan Har'a Onkoloolessa 2/2019 ni kabajam.

Onkoloolessa 2/ 2019(ENA)- Guyyaan Alaabaa 19ffaan har'a Onkoloolessa 2/2019 akka kabajamu Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa beeksisuun isaa ni yaadatama.

Guyyichi mata duree “ Alaabaan Keenya Waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa keenyaaf” jedhuun bakka Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaaseen argamanitti sa’aatii 3:00 irraa eegalee Mana Marichaatti haala ho’aa ta’een ni kabajama.

Guyyaan kabaja Ayyaana Alaabaa Biyyaaleessaa wagga waggaadhaan seensa Ji'a Onkololeessaa guyyaa Wiixataa torbee jalqabaa akka kabajamu labsii lakk. 863/2006 keewwata 2 irratti labsamee jira.

Haaluma kanaan Ayyaanni kun guutuu biyyaatti naannoolee fi bulchiinsota magaalotaatti, Waajjiraalee mootummaatti, maneen barnootaatti, Imbaasiiwwan Itoophiyaa biyya alaa jiranii fi Qonsilaatti akka kabajamu odeeffannoon Mana Maree Bakka bu’oota Ummataarraa argame mul’isa.

Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015