Hojiilee faayidaa uummataaf dursa kennan, kabaja lammiilee eegan, bu’aa qabatamaas fidan hojjechuu keenya itti fufna -Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Hojiilee faayidaa uummataaf dursa kennan, kabaja lammiilee eegan, bu’aa qabatamaas fidan hojjechuu keenya itti fufna -Kantiibaa Adaanech Abeebee
Onkololeessa 1/2019 (ENA):- Hojii Faayidaa uummataaf dursa kan kennu, kabaja lammiilee kan eeguufi bu’aa qabatamaa kan fidu hojjechuu keenya itti fufna jechuun Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii karoora kurmaana jalqabaa guyyoota lamaaf gaggeessaa ture xumuramuu isaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech ergaa isaanii keessatti, kurmaana jalqabaa keessatti amantaa jiraattonni bulchiinsa magaalaarratti qaban kabajuufi itti gaafatamummaa isaan kennan amanamummaadhaan bahachuuf waadaa galameen hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamuu isaanii ibsaniiru.
Hojiiwwan kunneen haala jireenyaa fi fayyadamummaa jiraattotaa irratti jijjiirama kan fidan, akkasumas hojiiwwan itti aananiif bu’uura kan kaa’an ta’uu gamaaggama raawwii karoorichaa keessatti mirkanaa’uu kaasaniiru.
Bu’aan galmaa’e kun ciminaan hojjechuu, aadaa amanamummaadhaan tajaajiluu, qajeeltoo Ida’amuu irratti hundaa’uun saffisaafi qulqullinaan hojii raawwachuu, akkasumas yeroo osoo hin qisaasessin karoora gara hojiitti jijjiiruu irraa kan madde ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis, haala yeroo wajjin walsimuun caasaa hojii fooyyessuufi bu’aa hojii bu’uura godhachuun muudamoonni haaraan hoggansaa raawwatamuu isaanii ibsaniiru.
Karoora guyyoota 90 keessatti hojii tola ooltummaa gannaa, sagantaa ashaaraa magariisaa, ijaarsa manneen jireenyaafi haaromsa bakkeewwan dullooman hojjechuun danda’amuu eeraniiru.
Lammiileen rakkoo mana jireenyaa qaban, akkasumas hojii misoomaatiin manneen jireenyaa isaanii irraa kaafaman, manneen jireenyaa qulqullina qaban kan kabaja isaanii eeganiifi mijatoo ta’an akka argatan taasifamuu isaas ibsaniiru.
Jiraattota galii gadi aanaa qaban irratti dhiibbaa jireenyaa uumamu hir’isuuf hojii Maaddii Qooduu hojjechuun danda’amuu kaasaniiru.
Yaada yeroo gannaa ijaarsawwan hin hojjetaman jedhu duraan ture jijjiiruun, yeroo gannaa pirojektoota hedduu raawwachuun akka danda’ames beeksisaniiru.
Dameewwan bu’uuraalee misoomaa geejjibaa keessatti wiirtuuwwan dhaabbii konkolaataafi tarminalii gurguddoon afur hojii jalqabuu isaanii eeraniiru.
Kana malees, daandiiwwan biskileetaafi miilaa haaraan, akkasumas sirnoonni bishaanii fi xurii ittiin dhangala’an ijaaramuun balaa lolaa yeroo gannaa mudatuufi lubbuu namaa darbu hir’isuun akka danda’ame ibsaniiru.
Gatiin meeshaalee akka tasgabbaa’uuf wiirtuuwwan gabaa torba keessatti dhiyeessiin oomishaa bal’aan akka jiraatu taasifamuu fi gabaan Sanbataafi Dilbataa sadarkaa isaa akka fooyyeffate ibsaniiru.
Dandeettiin bittinnaa’e mul’ata galmaan ga’uu fi biyya ijaaruu akka hin dandeenye kan eeran Kantiibaa Adaanech Abeebee, hojjetaan tokkoon tokkoon isaa gahee hojii ifa ta’eefi itti gaafatamummaa adda baafame qabaachuun, qajeeltoo Ida’amuu irratti hundaa’uun qindoominaan hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Dhumarrattis, Kantiibaa Adaanech Abeebee, “Faayidaa uummataa dursa kan kennu, kabaja lammiilee kan eeguufi bu’aa qabatamaa kan fidu hojjechuu keenya itti fufna!” jechuun, bulchiinsi magaalichaa hojii jireenya uummataa irratti jijjiirama fidu hojjechuuf qophii ta’uu isaa mirkaneessaniiru.