Tamsaasa Kallatti:

Hidhattoota Naannoo Tigraay keessa socho’an gara leenjii haaromsaatti akka galan wiirtuleen simannaa bakkeewwan garagaraatti qophaa’eera- Komishinii Haaromsaa Biyyaalessaa

Fulbaana 30/2019 (ENA) Miseensonni hidhattoota Naannoo Tigraay keessa socho’an gara haaromsaatti akka galaniif wiirtuleen simannaa bakkeewwan garagaraatti qophaa’uu isaa Komishiiniin Haaromsaa Biyyaalessaa beeksiseera.

Itti aanaan komishineera Komishinii Haaromsaa Biyyaalessaa, Birgaadeer Jeneraal Darribee Makuriyaaw haala yeroo ilaalchisuun ibsa miidiyaaf kennaniiru.

Birgaader Jeneraal Darribee Makuriyaaw ibsa kennaniin, Yeroo ammaa hidhattoonni Tigiraay keessa socho'an gara wiirtulee mootummaan qopheesseetti galuuf waamicha eeggachaa jiru jedhaniiru.

Kanaaf, Komishinichi hidhattoota kana simachuudhaan gara jireenya nagaatti akka deebi'aniif qophii barbaachisaa ta'e hundumaa taasisuu isaa ibsaniiru.

Hidhattoonni gara wiirtulee komishinichi qopheessetti dhufuun gara jireenya nagaatti akka deebi'an waamicha dhiheessaniiru.

Mootummaan godinaalee fi magaalota garagaraatti wiirtulee simannaa qopheessuu isaa eeruun; Godina Kibbaatti magaalota Maaycewuu fi magaala Mahooniitiin; Godina Kibba Bahaatti immoo wiirtulee magaalaa Maqallee keessatti argamanitti akka galan Birgaader Jeneraal Darribee gaafataniiru.

Godina Bahaatti magaalota Addigiraatii fi Wuqrootiin; Godina Gidduugaleessaatti magaalota Adwaa, Aksumii fi Abii Addiitti akkasumas Godina Kaaba Dhihaatti magaalaa Shiree keessatti wiirtulee simannaa jiranitti akka galan waamicha dhiheessaniiru.

Kanaanis kanneen hidhattoota kana simatan qophaa’uu isaanii eeruudhaan, hidhattoonni carraa kanatti fayyadamanii gara jireenya nagaatti dhufuun ofis akka baraaran waamicha dhiheessaniiru.

Yeroo ammaa ummanni Tigiraay garee faallaa nagaa kan mormu ta'uu eeruudhaan, ammas hidhattoonni gara wiirtulee qophaa'aniitti galuudhaan gara jireenya nagaatti akka deebi'an taasisuu keessatti gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiheessaniiru.

#Mootummaa Ida'amuu

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015