๐๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐๐๐ง ๐๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐ ๐๐ข๐ฆ๐ฆ๐๐๐ญ๐ญ๐ข ๐ฃ๐ข๐ฅ๐ ๐ญ๐จ๐ค๐ค๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐, ๐จ๐๐๐จ๐ฅ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ข ๐ฐ๐๐ฅ๐จ๐จ๐ฆ๐๐ ๐ฌ๐๐๐๐ ๐๐ข ๐ฌ๐๐๐ฅ๐๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐ฐ๐๐ฅ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ข๐๐ฎ ๐ช๐จ๐ฉ๐ก๐๐๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐ข๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ซ๐ ๐๐ฆ๐ญ๐ข - ENA Afaan Oromoo
๐๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐๐๐ง ๐๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐ ๐๐ข๐ฆ๐ฆ๐๐๐ญ๐ญ๐ข ๐ฃ๐ข๐ฅ๐ ๐ญ๐จ๐ค๐ค๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐, ๐จ๐๐๐จ๐ฅ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ข ๐ฐ๐๐ฅ๐จ๐จ๐ฆ๐๐ ๐ฌ๐๐๐๐ ๐๐ข ๐ฌ๐๐๐ฅ๐๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐ฐ๐๐ฅ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ข๐๐ฎ ๐ช๐จ๐ฉ๐ก๐๐๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐ข๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ซ๐ ๐๐ฆ๐ญ๐ข
Naannoon Oromiyaa ijaarsa Itoophiyaafi utubaa itti fufinsa biyyaati. Ummanni Oromoo, Sirna Bulchiinsa Gadaa tokko ijaarratee jiruu fi jireenya hawaasummaa, siyaas-dinagdee fi misoomaa isaa gaggeeffachaa tureera.
Kana cinaattis, sabaa fi sablammoota ollaan nagaa qabaatee, walooma leellisee, jaalala qooddatee, tokkummaan hariiroo waliin jireenya hawaasummaa isaa gabbisee baroota dheeraaf ummata waliin jiraachaa turedha.
Naannoon Oromiyaa, Naannolee hedduu waliin daangaa bulchiinsaa qooddatee wayita waliin jiraatu, sabaa fi sablammoota hedduu waliin duudhaalee waloo waliif qooduun nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa tureera.
Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa waggoottan darban keessatti kabajamaa ture akka milkaaโuufis Naannoon Oromiyaa gahee olaanaa taphachaa kan ture yammuu taโu, bara kana ammoo, Ummattoota Obbolaa isaa qeโee isaatti simata.
Aadaa fi duudhaa qabuun keessummeessee, guddummaa Oromummaa, fakkeenya abbaa biyyummaa qabu gochaan kan itti dhugoomsudha.
Kana milkeessuudhaafis, Oromiyaan Magaalaa Jimmaatti jila tokkummaa, obbolummaafi waloomaa sabaafi sablammoota walitti fidu qopheessuu irratti argamti.
Kanaafis, milkaaโina hojii kanaaf, sadarkaa Naannootti Mana Maree Federeeshinii Biyyaalessaa waliin qindaaโuun akkaataa itti hojichi milkaaโu irratti bakka Afa-yaaโiin Caffee Oromiyaa Abdusalaam Waariyoo argamanitti Waajjira Caffeetti mariโatamee jira.
Bifuma walfakkaatuun, Magaalaa Jimmaatti Hooggansi Gurmaaโiinsa Haaraan Godina Kibba Lixa Oromiya, Magaalaan Jimmaa fi Yuunivarsiitiin Jimmaa bakka Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Bulchaan Kibba Lixa Oromiyaa Dr.Rashaad Kamaal, Kantiibaan Magaalichaa Obbo Xahaa Qamarii fi Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dr. Darajjee Ingidaa argamanitti Magaalaa JImmaatti qooda fudhattoota hunda waliin mariin gaggeeffamejira. Madda caffee Oromiyaarraa