Biiroon Barnoota Oromiyaa, barattoota bara 2018 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessaniif beekamtiifi badhaasa ni laata - ENA Afaan Oromoo
Biiroon Barnoota Oromiyaa, barattoota bara 2018 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessaniif beekamtiifi badhaasa ni laata
Fulbaana 30/2019(ENA) Biiroon Barnoota Oromiyaa, barattoota bara 2018 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessaniif beekamtiifi badhaasa akkakennu beeksiseera.
Biirichi sagantaa beekamtii kana mata duree ''Barnoota Qulqullina qabu Mana Barnootaa Qulqullina qabu Keessatti'' jedhuun magaalaa Bishooftuutti kan qopheesse yoo ta'u barattoota qabxii olaanaa galmeessaniif badhaasaa onneechiftuu kan kennu ta'a.
Sagantaa badhaasa kanaanis, barattoota 165 bara 2018 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessanif beekamtiifi badhaasa ni kennama jechuun BKO beeksiseera