Godina Giddugaleessa Oromiyaa magaalaa Ambootti Irreechi hora Ayeetuu Amboo karaa duudhaa isaa eeggateen irreeffatame - ENA Afaan Oromoo
Godina Giddugaleessa Oromiyaa magaalaa Ambootti Irreechi hora Ayeetuu Amboo karaa duudhaa isaa eeggateen irreeffatame
Fulbaana 30/2019(ENA) Godina Giddugaleessa Oromiyaa magaalaa Ambootti Irreechi hora Ayeetuu Amboo karaa duudhaa isaa eeggateen irreeffatameera.
Abbootii Gadaa, haadholii Siinqee ,Qeerroofi Qarree dabalatee Qaamoleen hawaasaa garaa garaa uffata aadaa Oromoon faayamuun ayyaana irreeffatan.
Irreechi Hora Ayeetuu Amboo dhiibbaa sirnoota darbaniin waggoota 126'tiif adda citee ture sirna bulchiinsa jijjiiramaatiin bakkatti deebi'uun bara kana marsaa 6ffaaf kabajame.
Namootni ayyaana irreechaa kana irratti hirmaatanis mootummaan jijjiiramaa haaromsaa aadaa gaggeessaa jiruun sirna irreeffannaa bakkatti deebisuutti baay'ee gammaduu himaniiru.