Tamsaasa Kallatti:

Hojiiwwan Siyaasaa , Nageenyaa fi misoomaa yeroo kamiyyuu caalaa cimee itti fufa - Obbo Masfin Malaakuu

Fulbaana 29/2019(ENA)- Hojiiwwan Siyaasaa , Nageenyaa fi misoomaa yeroo kamiyyuu caalaa cimee itti fufa jedhan, Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatti Bulchaan Godina Lixa Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuu.

Karoora Of danda'uu qopheessuun,hojiiwwan imala Badhaadhinaa saffisiisan irratti xiyyeeffannoo olaanaadhaan kan hojjetamu ta’uu Obbo Masfin ibsaniiru.

Godina Lixa Oromiyaatti Mariin Hojii Siyaasaa, nageenyaa fi misoomaa bu’a qabeessa ta’ee itti fufsiisuuf karoora of danda'uu milkeessuu irratti xiyyeeffate geggeeffamee jira.

Maree kanaanis Hirkatummaa irraa gara oomishtummaatti ce'uu, galii guddisuu, carraa hojii uumuu, jiruuf jireenya hawaasa keenyaa fooyyeessuun Badhaadhinaa hunda galeessa itti fufisa qabu milkeessuuf cimee akka hojjettamu ibsamee jira.Madda Koominikeeshinii Godinichaarraa

#Mootummaa Ida'amuu

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015