Tamsaasa Kallatti:

Abbayyaa Hanga Galaana Diimaatti

Barruun Nagaarii Itti fayyadama bishaan laga Abbayyaa fi fedhii hulaa galaanaa Itoophiyaa bal’inaan ibsiteetti

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Fulbana 25/ 2019 hundeeffama Mootummaa Ida’amuu irratti, "Qaroomiinsi Itoophiyaa hulaa galaanaa malee dhugoomuu hin danda'u" jechuun biyyattiin hulaa Galaanaa akka argattu cimsitee akka hojjettu mirkaneessaniiru.

Tattaaffiin kun marii nagaan, fayyadamummaa waliinii fi seera "kennanii fudhachuun" akka gaggeeffamu hubachiisuun dhimma kana Gaanfa Afrikaa, Galaana Diimaa fi Baha gidduugaleessaatti haala jii’oo polotikaa fi dinagdee waliin walqabsiisuun dhihaateera.

Barruun kun maxxansa ishee fulbaana 2019n irratti mataduree 'Daandii olka’insa Itoophiyaa Abbayyaa hanga Siyaasa galaanaa diimaatti ' muddamsa jiru qabeenya bishaanii, Hulaa galaanaa , daldala Idil- Addunyaa fi dhimmoota tasgabbii naannoo xiinxalteetti.

Akka Xiinxala barruu kanaatti , Abbayyaa fi Galaana Diimaani uumamaan qaama bishaan adda addaa ta'anis, xiinxala jii’opolitikaa ammayyaa keessatti itti fayyadama bishaanii, fayyada diinagdee, hulaa galaanaa fi dhimmoota tasgabbiin walitti hidhamaniiru.

Lagni Abbayyaa Itoophiyaa fi biyyoota sululichaaf faayidaa Anniisaa fi misoomaaf faayidaa kan qabu yoo ta'u, Galaana Diimaani immoo Afrikaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa kan walqunnamsiisu karra daldala idil-addunyaa fi dabarsa Galaanaa murteessaadha.

Keessattuu Hidha haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, gaaffii bishaan Abbayyaa haqaa fi fayyadamummaa waliiniin bulchuu fi fedhii hula galaanaa Itoophiyaa dhiibbaa siyaasaa fi tasgabbii naannoo irratti qaban burruun kun bal’inaan xiinxalteetti.

Waliigaltee bishaanii bara 1929 fi 1959 fayyada biyyoota malkaa gubbaa gahaatti kan hin hammanne ta'uu ibsuun, itti fayyadama bishaan lagichaa haqa, waliin hojjechuu fi fayyada waliinii irratti hundaa'uu akka qabu ibsiti..

Itoophiyaan bara 1993 A.L.I booda hula galaanaa dhabuu ishee hordoftee, dhimmi kun fayyada diinagdeen olitti tasgabbii biyyaalessaa fi fedhii misooma yeroo dheeraa waliin akka walqabatu barruun kun qaaccesseera.

Hulaa Galaanaa argachuun baasii daldalaa xiqqeessuu, filannoo buufataa daldalaa babal'isuu fi guddina diinagdee deeggaruuf murteessaa ta'uu isaas ibseera.

Gama biraatiin, Galaanni Diimaani hulaa daldala Eeshiyaa, Afrikaa fi Awurooppaa waliin kan walquunnamsiisu hula galaanaa tarsiimo’aa ta’uusaan , haalli tasgabbii naannichaa walitti dhufeenya naannoo irra darbee yaa'a daldala idil-addunyaa miidha.

Barruun kun barbaachisummaa jii’opolitikaa Galaana Diimaa Sulula Suweez fi Babel-Mandeb waliin wal-qabsiisee kan xiinxalte yoo ta'u, dorgommiin humnaa naannichatti gaggeeffamu yaaddoo daldalaa fi tasgabbii akka hammeessu xiinxalteetti.

Odeeffannoo dabalataaf liinkii kana cuqaasaa https://www.ena.et/web/negari/w/negari_9696604

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015