Tamsaasa Kallatti:

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balallii idilee gara Magaalaa Maqaleetti addaan citee ture Dilbata dhufu eegalchiisa

Fulbaana 29/2019 (ENA):- Daandiin Qilleensa Itoophiyaa yeroo muraasaaf balallii idilee gara Magaalaa Maqaleetti addaan citee ture, Dilbata Onkoloolessa 1/ 2019 irraa eegalee akka deebi’u beeksise.

Maamiltootnis waajjira Daandii Qilleensa Itoophiyaa dhihoo jiruu fi giddugala bilbilaa lakkoofsa 6787 irratti bilbiluudhaan imala isaaniif galmaa’uu fi tikeetii bitachuu akka danda’an beeksiseera.

Mootummaa Ida’amuu!

Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015