Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan misooma waliigalaa fi misooma daa’immanii umrii jalqabaarratti galmeessite Afrikaaf abdii Haaraa kan Uumuu ta’uu Itti Aanaan Pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashiim Sheettiimaa Ibsan

Fulbaana 29/2019 (ENA) Itoophiyaan dameewwan misooma waliigalaa fi guddina daa’immanii sadarkaa jalqabaa irratti milkaa’inni galmeessite Afrikaaf abdii haaraa kan uumu ta’uu Itti Aanaan Pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashiim Sheettiimaan ibsan.

Jilli Itti Aanaa Pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashiim Sheettiimaan durfamu daawwannaa hojii mootummaa taasisuuf Itoophiyaa daawwachaa jira.

Jilichi har’a Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waliin guddina daa’immanii fi misooma magaalotaa irratti muuxannoo waljijjiiruuf marii taasisaniiru.

Itti Aanaan Pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashiim Sheettiimaan marii isaaniin, hojiiwwan misoomaa bu’a qabeessa ta’an Itoophiyaa fi Magaalaa Finfinnee keessatti hojjetamaa jiran, akkasumas bu’aawwan damee guddina daa’immanii sadarkaa jalqabaa irratti galmaa’an dinqisiifachuu isaanii ibsaniiru.

Guddinni Itoophiyaa kan mul’atuu fi qabatamaa ta’uu kan eeran Sheettiimaan, Mootummaan Itoophiyaa kunuunsa daa’immanii fi guddina isaanii sadarkaa jalqabaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennuu isaa dinqisiifataniiru.

Hojiileen misoomaa fi sirnoonni kunuunsa daa’immanii Itoophiyaa keessatti hojiirra oolaa jiran jireenya namoota hedduu fooyyessuuf gumaacha olaanaa akka qabanis ibsaniiru.

Itti Aanaan Pirezidaantichaa, Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad fayyadamummaa fi nageenya uummata isaanii dursa kennuun hojjechaa jiraachuu isaanii dinqisiifataniiru.

Naayijeeriyaa fi Itoophiyaan dameewwan garaagaraa irratti tumsa isaanii cimsuun bu’aa gaarii galmeessuu yoo danda’an, jaarraa kana jaarraa Afrikaa gochuun akka danda’amu amantaa qabaachuu isaanii ibsaniiru.

Afrikaan qonnaa fi industirii irratti qofa hundaa’uurraa darbitee, gara dinagdee beekumsa irratti hundaa’ee fi teeknooloojii ammayyaa, keessumaa teeknooloojii hubannoo-namtolchee fi daataa gurguddaa irratti xiyyeeffatuutti ce’uuf dandeettii yaaduu, kalaqaa fi waa uumu dargaggootaa guddisuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Dabalataanis, Mootummaan fi uummanni Naayijeeriyaa muuxannoo idil-addunyaa bu’aa  qabeessa ta’an irraa barachuu, akkasumas tumsa Itoophiyaa waliin qaban dameewwan garaagaraa irratti caalaatti cimsuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

Mootummaa Ida’amuu!

Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015