Tamsaasa Kallatti:

waggoottan shanan dhufan Imala badhaadhina Itoophiyaa eegalame itti fufsiisuuf kutannoodhan ni hojjeenna -miseensota kaabine haaraa

 

Fulbaana 29/2019(ENA)- waggoottan shanan dhufan Imala badhaadhina Itoophiyaa eegalame itti fufsiisuuf kutannoodhan ni hojjeenna jedhan miseensonni Kaabinee Mootummaa Ida’amuu haaraa muudaman.

miseensonni Kaabinee Mootummaa Ida’amuu haaraa muudaman keessaa Ministirri Maallaqaa Dr.Fitsum Asaffaa, Ministirri Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa fi Ministirri Dargaggoo fi Ispoortii Dr. Akliiluu Taaddasaa waggoottan shanan dhufan imala badhaadhina jalqabame itti fufsiisuf kuttannoodhan akka hojjetan himaniru.

Ministirri Maallaqaa Dr.Fitsum Asaffaa waggottan saddeettan darban qabeenya dilbii Itoophiyaa badhaadhinatti jijjiiruuf imala eegalame cimsinee itti fufsiisuun tarsiimoo ida’amuu hojiirra oolchuun dhimmoota bu’aa argamsiisan irratti xiyyeffannoon kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Bakka ramadamnerratti amanamummaan tajaajiluun itti quufinsa uummataa dabaluu, tajaajila si’ataa kennuu fi dijiitaala taasisuuf ni hojjetama jedhaniiru.


Ministirri Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa gama saaniin waggootan shanan dhufan riifoormii eegalame itti fufsiisuun galmaan ga’uuf ni hojjenna jedhaniiru.

Dhimmi ijoon Faayidaa biyyaalessaa bu’uura godhachuun deemuu ta’uu ibsuun, dhimmi mootummaa faayidaa biyyaalessaa eegsisuu waan ta’eef garaagarummaa siyaasa qabnuun olitti dhimma biyyaalessaa irratti tokkummaan ni hojjenna jedhaniiru.

Ministirri Dargaggoo fi Ispoortii Dr. Akliiluu Taaddasaa gamasaaniin mootummaan ida’amuu dargaggootaaf xiyyeefannoo kennee kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.


 

Humnaa fi dandeettii dargaggootaa misoomaaf oolchuun badhaadhina biyyaa eegalame dhugoomsuuf kan hojetan ta’uu dubbataniiru.

Mootummaan Ida’amuu dargaggoo fi ispoortii bifa haaraan gurmeessuun dandeettii damee Kanaan jiru hojiitti hiikuun fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

#Mootummaa Ida'amuu

Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015