Tamsaasa Kallatti:

Guyyaan Alaabaa 19ffaan Onkoloolessa 2/2019 kabajama

 

Fulbaana 29/ 2019(ENA)- Guyyaan Alaabaa 19ffaan Wiixata dhufu Onkoloolessa 2/2019 akka kabajamu Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa beeksise.

Guyyichi mata duree “ Alaabaan Keenya Waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa keenyaaf” jedhuun bakka Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaaseen argamanitti sa’aatii 3:00 irraa eegalee Mana Marichaatti haala ho’aa ta’een akka kabajamu beeksiseera.

Guyyaan kabaja Ayyaana Alaabaa Biyyaaleessaa wagga waggaatti seensa Ji'a Onkololeessaa guyyaa Wixataa torbee jalqabaa akka kabajamu labsii lakk. 863/2006 keewwata 2 irratti labsamee jira.

haaluma kanaan Ayyaanni kun guutuu biyyaatti naannoolee fi bulchiinsota magaalotaatti, Waajjiraalee mootummaatti, maneen barnootaatti, Imbaasiiwwan Itoophiyaa biyya alaa jiranii fi Qonsilaatti akka kabajamu odeeffannoon Mana Maree Bakka bu’oota Ummataarraa argame mul’isa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015