Tamsaasa Kallatti:

Miseensonni Mana Maree Ministiroota Mootummaa Ida'amuu Haaraan Itti Gaafatamummaa isaanii ni bahatu jennee amanna

Fulbaana 29/2019 (ENA) Miseensonni Mana Maree Ministiroota Mootummaa Ida'amuu Haaraan Itti gaafatamummaa isaanii ni bahatu jennee amanna jechuun jiraattonni Magaalaa Finfinnee yaada isanii ENA’f kennan ibsan.

Ministeerri Muummeen Dr. Abiyyi Ahimad Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf yeroo ibsan Miseensota mana maree ministirootaa mootummaa Ida'amuu haaraa galma biyyaalessaa milkeessuuf fi adaraa ummataa gahumsaan bahuuf hooggantoonni yeroo kamiyyuu caalaa naamusaa olaanaa qabaachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hooggantoonni hojii isaanii guyyaa guyyaa keessatti naamusa gaariin miira tajaajiltummaan, harkaa fi garaasaanii qulqulluudhaan tajaajiluu akka qabanis hubachiisaniiru.

Miirri tajaajiltummaa dhugaan kun ummata biratti amantaa jiru cimsuudhaan nagaa waaraa, misoomaa fi adeemsa ijaarsa dimokraasii mirkaneessuu keessatti shoora guddaa akka qabu ibsaniiru.

Jiraattonni Finfinnee ENA’f yaada kennan ministiroonni haaraa muudaman ijaarsa mootummaa cimaa fi milkaa'aa raawwachuudhaan gumaacha ol’aanaa akka taasisan ni amanu.

Jiraattota yaada isaanii kennan keessaa Doktar Taammiraat Warquu akka jedhanitti; qophiin barnootaa fi muuxannoon hojii ol’aanaan ministeerota haaraa muudamanii mul’ata misooma hunda-galeessa biyyattiin qabatte milkeessuuf dandeettii ol’aanaa ni uuma.

Keessattuu, yaadama Ida'amuu bu'uura godhachuudhaan damee Teeknoolojii fi hubannoo namtolcheen hojiiwwan kalaqaa fi misooma dijiitaalaa gara sadarkaa ol’aanaatti ni ceesisu jedhaniiru.

Obbo Masfin Mallasaa gamasaaniitiin; mul’ata biyyaalessaa gurguddaa dhugooomsuu fi Itoophiyaa gara badhaadhina ol’aanaatti ceesisuuf galma qabameef caasaa qaama raawwachiisatuu fi qophiin muudamtootaa faayidaa ol’aanaa akka qabu ibsaniiru.

Jiraataan magaalattii biraan Obbo Malaakuu Taaddalaa, hooggantoonni mana maree ministirootaa haaraa keessatti hammataman dandeettiisaanii qindeessuun fayyadamuu fi gara hojiitti jijjiiruudhaan, imala misoomaa fi guddina hunda-galeessa biyyattiin qabatte milkeessuuf akka hojjetan amantaa isaanii ibsaniiru.

Muudamtoonni gaaffii fi fedhii ummataa bu'uura godhachuudhaan raawwii dhaabbilee fooyyessuu fi tajaajila hunda-galeessa ariifachiisuu keessatti shoora isaanii bahuu akka qaban Obbo Taayyee Mangistee ibsaniiru.

Obbo Addisuu Dinquu gamasaaniin hundeeffamni qaama raawwachiistuu haaraan guddina biyyaa fi fooyya'insa raawwii dhaabbileetiif dandeettii ol’aanaa qabatee kan dhufedha jedhaniiru.

Obbo Nugusuu Girmaa gamasaaniin; dubartoonni gahumsaa fi qophii barnootaa qaban sadarkaa sadarkaadhan gara hooggansaatti dhufuu danda'uu isaanii ibsuun hirmaannaa wal-qixxummaa fi gahee murteessummaa dubartootaa cimsuu keessattis gumaacha guddaa ni qabaata jedhaniiru.

Mootummaa Ida'amuu.

Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015