Tamsaasa Kallatti:

Mootummaa Ida’amuu: Boqonnaa Haaraa Olka’insaa Biyyaa

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad har’a miseensota Kaabinee Mootummaa Ida’amuu muudamaaf dhiyaatan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dhiyeessuun, muudamni isaanii akka ragga’u taasisaniiru.

Muudamni miseensota Kaabinee kun dandeettii fi fedhii uummata tajaajiluu, qophii barnootaa, muuxannoo hojii fi bu’aqabeessummaa waliigalaa bu’uura godhatee kan raawwatamedha.

Akka waliigalaatti, itti gaafatamummaa fi imaanaa guddaan Itoophiyaa gara sadarkaa guddinaa fi olka’iinsaa fooyya’aatti ceesisuu isaan irra kaa’ameera.

Kana malees, raawwii hojii olaanaadhaan guddina biyyattii itti fufsiisuu fi jireenya guyyaa guyyaa lammiilee keessatti jijjiirama mul’atu fiduuf ciminaan hojjechuun isaan irraa eegama.

Mootummaan Ida’amuu itti fufiinsa dhaabbilee, ijaarsa sirnaa fi bu’aqabeessummaa tajaajila uummataa irratti hundaa’uun adeemsa ijaarsa biyyaalessaa itti fufsiisuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun akka hojjetu ni eegama.

Milkaa’inni dhaabbilee mootummaa kan madaalamu tajaajila uummataaf saffisaa, si’aawaa fi bu’a qabeessa ta’een waan ta’eef, ministiroonni haaluma kanaan qophaa’anii hojjechuu qabu.

Lammiileen fayyadamaa akka ta’an mirkaneessuu fi tajaajiltoota dhugaa uummataa ta’uuf ciminaan hojjechuu qabu.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad, kaadhimamtoonni miseensota Kaabinee Mootummaa Ida’amuu dandeettii fi fedhii hojii raawwachuu, muuxannoo hojii fi qophii barnootaa akka ulaagaalee bu’uuraa ta’anitti fudhatamuun, fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu fi tajaajiltoota dhugaa uummataa ta’uuf qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru.

Muudamni mootummaa “kan ittiin bashannanan osoo hin taane, kan ittiin hojjetan” fi imaanaa uummataa olaanaa ta’uu kan eeran Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad, miseensonni Kaabinee biyya isaanii fi uummata isaanii amanamummaa fi qulqullina yaadaatiin tajaajiluuf ciminaan akka hojjetan dhaamaniiru.

Mootummaan Ida’amuu carraa biyya bulchu argate kanaan, hojiiwwan misoomaa jalqabaman itti fufsiisuu, ijaarsa dhaabbilee cimsuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi fayyadamummaa lammiilee itti fufsiisuuf hojjechuun isaa eegama.

Mootummaa Ida'amuu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015