Tamsaasa Kallatti:

Kallattiiwwan xiyyeeffannoo mootummaa ida'amuu haaraa mirkaneessuuf qooda keenya ni baana - Jiraattota

Fulbaana 29/2019 (ENA): Jiraattonni Godina Kibba Lixa Oromiyaa Magaalaa Mattuu Kallattiiwwan xiyyeeffannoo mootummaa ida'amuu haaraa waggoota shanan dhufaniif qabaman, fayyadamummaa hunda-galeessa uummataa fi fakkeenyummaa badhaadhina Itoophiyaa Afrikaatti mirkaneessuuf qabaman milkeessuuf qooda isaan irraa eegamu bahuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Waggoota shanan darbanitti Damee Qonnaa, Misoomni Magaalaa, Fayyaa, Barnoota, Misooma Hawaasummaa, Ashaaraa magariisaa fi dameewwan biroon bu'aawwan nama gammachiisan galmeeffamuu isaanii kan yaadachiisan jiraattonni kun, waggoota shanan dhufanittis bu'aa caaluu ni galmeessama jedhanii kan amanan ta'uusaanii kaasaniiru.

Jiraataan magaalaa Mattuu Obbo Dassee Danuu akka jedhanitti, mootummaan fulbaana 25/2019 hundaa'e waggoota shanan darbanti dameewwan garaa garaatiin hojiiwwan misoomaa raawwateen biyyattiin imala guddina ariifachiisaa akka galmeessiftu taasisuu ibsaniiru.

Mootummaan ida'amuu haaraas waggoota dhufan keessatti hojiiwwan misoomaa jalqabaman caalaatti cimsee akka itti fufu amantaa qaban ibsaniiru.

Keessattuu mootummaan ida'amuu haaraa waggoota shanan dhufaniif nagaa mirkaneessuu, dameewwan misooma hawaasummaafi diinagdeefi fayyadamummaa, dippiloomaasiifi qunnamtii alaatiin, akkasumas dhimma hula galaanaa fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo biroo irratti kutannoo guddaa kan irraa eegalamu ta'uu isaas eeraniiru.

Dargaggoo Amaanu’eel Warquu gama isaatiin, mootummaan ida'amuu haaraa waggoota shanan dhufaniif kallattii xiyyeeffannoo ta'u jedhee dhimmootni kaa'e Itoophiyaan fakkeenya badhaadhina Afrikaa ta'uu ishee kan murteessan ta’uu dubbateera.

Keessattuu hojiiwwan damee qonnaafi indaastiriitiin waggoota darbanti jalqabaman cimanii kan itti fufan ta’uus dubbateera.

Aadde Faleq'iissaa Tamaam gama isaaniitiin mootummaan haaraa bara hojii isaanii dhufan keessatti hojiiwwan biyyaa caalaatti fayyadan ni raawwata jedhanii akka amanan dubbataniiru.

Kanaafis , milkaa'ina nagaafi kallattiiwwan misoomaa birootiif mootummaa cinaa kan dhaabbatan ta'uu isaanii jiraattonni dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015