Ergaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa -Obbo Shimallis Abdiisaa. - ENA Afaan Oromoo
Ergaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa -Obbo Shimallis Abdiisaa.
Guyyaa har’aa, jila Pirezidaantii I/A Rippabiliika Federaalawaa Naayijeeriyaa, Kab. Kashiim Shettimaan durfamuufi qooda fudhattoota biroo waliin mariifi daawwannaa dirree taasifneerra. Sirni muuxannoo waljijjiirraa kun gama tokkoon magaalomsuu, gama birootiin ce’umsa qonnaafi baadiyyaa, akkasumas wabii nyaataafi soorata madaalawaa irratti kan xiyyeeffateedha. Muuxannoo ce’umsa qonnaafi baadiyyaa akkasumas wabii nyaataafi soorata madaalawaatiif, Oromiyaan gahiitii ta’eera.
Marii keenya keessatti, ijaarsa cancala sonaa, babaldhina carraa hojiifi badhaadhinaa mirkaneessuu ilaalchisee, muuxannoo damee qonnaa keessatti horanne qoonneerra. Daawwannaan dirree ittaansee taasifnes, yaadi marii keessatti kaafne qabatamaan hojiitti hiikamaa jiraachuu mirkaneessuuf carraa kan uumedha. Kunis muuxannoo inisheetivoota ykn pirojektoota tokko tokkoon qooduu qofa osoo hintaane, imala ce’umsa qonnaafi baadiyyaa Oromiyaa keessatti maal jechuu akka ta’e; akkasumas wabii nyaataafi nyaata madaalawaa mirkaneessuu, oomishtummaa namaa dabaluu, carraa hojii uumuu, galii dabaluu, qusannaa guddisuu, invastimantii babaldhisuufi badhaadhina mirkaneessuu keessatti hiika maal akka qabu hubachuuf carraa ture.
Nubiratti qonni damee omishaa qofa miti; madda carraa hojii, galii, wabii nyaataa, soorata madaalawaafi bu’uura jireenyaafi ce’umsa dinagdeeti. Kanaaf, qonna ammayyeessuun, ka’umsa ce’umsa dinagdeeti malee gahiitii miti. Galmi keenya qonnaan bulaa oomishtummaa olaanaa qabu, wabii nyaataafi soorata madaalawaa mirkaneeffate, cancala sonaafi gabaa keessatti hirmaatu, galii guddaa argatu, qusatu, qabeenya horatu, invastimantii keessatti hirmaatufi jireenya fooyya’aa jiraatu ijaaruudha.
Daawwannaan Godina Giddugaleessa Oromiyaatti taasifnes, yaada kana qabatamaan muldhiseera. Kilaastara qamadii, inisheetivoota muuziifi paappayyaa, qonnaafi horsiisa qurxummii Qooqaa, Kurfeessa Qanna Lumee, Wiirtuu Leenjii Maaddii Guutuufi Badhaadhina Maatii Mojoo akkasumas Waldaa Aksiyoona Jabduu Mootors daawwachuun wanti argine, inisheetivootafi pirojektoota adda addaa qofa osoo hintaane 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮 𝗰𝗲’𝘂𝗺𝘀𝗮𝗮 𝗾𝗶𝗻𝗱𝗮𝗮’𝗮𝗮 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼 ture.
Galmi keenya omisha baay’isuu qofa miti. Omisha argame kuusuu, qopheessuu, kurfeessuu, sona dabaluufi gabaaf dhiyeessuu; qoteefi horsiisee bultootarraa kaasee hanga indastiriifi gabaa baldhaatti, cancala sonaafi walitti hidhamiinsaa cimaa uumuudha. Teknooloojii, jallisii, faayinaansii, sirna galtee, qorannoo, gabaafi indastirii walitti hidhuun sirna oomishtummaa haaraa ijaaruudha. Qonna damee harkaa-gara-afaanii irraa gara 𝗺𝗼𝗼𝘁𝗼𝗿𝗮 𝗱𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲tti ceesisuudha.
Magaalaa Mojootti, mana maatii tokkootti goruun turtiin taasifne ammoo, bakka adeemsi keenya kun jalqabaa hanga dhumaatti itti madaalame ture. Maalifi yoojenne, gaaffiin dhumaa omishni hammam dabale ykn pirojektoonni hammam baay’atan kan jedhu qofa miti. Sochiin kun qabatamaan jireenya maatii jijjiireeraa? Maatiin nyaata madaalawaa mirkaneessaa jiraa? Galiin, qusannaafi qabeenyi isaa dabalaa jiraa? Carraan hojii umamaa jiraa? Dandeettiin of-danda’uu isaa cimeeraa? Bu’uuruma kanaan, haalli maatii kanaa, ce’umsi dinagdee jalqabame jireenya qabatamaatti ce’aafi badhaadhina maatii ce’aa jiraachuu kan mirkaneessedha.
Daawwannaan buufata biqiltuu '𝗸𝗮𝗮𝘀𝗵𝗲𝘄' ammoo, hiika waljijjiirraa muuxannoo kanaa guutuu kan taasise. Mudurri gabaa ‘Kaashew’, yeroo duraatiif Naayijeeriyaarraa gara Itoophiyaa dhufe. Naannoon keenyas, haala qabatamaa biyya keenyatti madaqsuu irratti hojjechaa jira. Kunis naannoon keenya muuxannoo gaarii akkuma jirutti waraabuu osoo hintaane, hubachuu, madaqsuu, haaromsuufi gara sirna ofiitti galchuu irratti dandeettii horataa dhufuu kan mirkaneessedha.
Adeemsa mara keessatti, Oromiyaan muuxannoo qonnaa qofa osoo hintaane, 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮 𝗷𝗶𝗷𝗷𝗶𝗶𝗿𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗴𝘂𝘂𝘁𝘂𝘂 qoodaa jira. Muuxannoo ijaarsa sirna dinagdee ummata keenya daawwataa misoomaa ta’uurraa gara abbaa jijjiiramaatti ceesisuu irratti horanne qoodaa jirra. Qoteefi horsiisee bulaa, qonna, indastirii, faayinaansii, galtee, teknoolojii, cancala omishaafi sona dabalataa ooyruurraa kaasee hanga warshaafi gabaatti jiru gidduutti hariiroo cimaa waggoottan darban ijaaraa dhufne qoodaa jirra.
Kanaaf, nuuf dhimmi qonnaafi baadiyyaa dhimma wabii nyaataa qofa miti; galmoota Qabsoo Ummata Oromoo milkeessufi milkeessuu dhabuu waliin walqabata. Galmi 𝗱𝗵𝗮𝗹𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗱𝗼𝗿𝗴𝗼𝗺𝗮𝗮 𝘁𝗮’𝗲 𝗵𝗼𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 qabnu, dhaloota nyaata madaalawaa argatee guddina samuufi fayyaa qaamaa sirrii horateen utubama. Galmi 𝗵𝗮𝘄𝗮𝗮𝘀𝗮 𝗱𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲𝗻 𝗮𝗮𝗻𝗴𝗼𝗺𝗲 𝘂𝘂𝗺𝘂𝘂𝗳 qabnu, teknooloojii, faayinaansii, galtee, indastirii, cancala sonaafi gabaa cimsuun, qonnaa madda carraa hojii, galii, dandeettii qusannaafi invastimantii taasisuun utubama. Galmi 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮 𝘂𝗺𝗺𝗮𝘁𝗮𝗮𝘄𝗮𝗮 𝗰𝗶𝗺𝗮𝗮 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗿𝘂𝘂𝗳 qabnu, aadaa hojii cimaafi haaromaa, miira ofitti amananummaa, dandeettii ofiin dhaabachuufi harka-galfannaa alaa hambisuutiin utubama. Tokkos—sadis: dinagdeen yoo hinjabaatiin, carraan dhalootaa nidaangeffama; dhaloonni yoo hinyaadiin, hinkalaqin, dorgomaa hinta’in, dinagdeen boruu nidadhaba; sirni yoo hinjabaatin, dandeettii ummataa gara bu’aa dinagdeefi dorgomtummaatti jijjiiruun nirakkisa.
Kab. Kashiim Shettimaan yeroo lammaffaaf gara Itoophiyaafi Oromiyaa dhufuun isaanii, adeemsa muuxannoo waljijjiirraa akkanaa Afrikaanota gidduutti cimsuuf carraa gaariidha. Rakkooleen jiran hedduun kan walooti; furmaanni isaaniis waloomina barbaada. Kanaaf, dandeettii keenya walitti fiduu, muuxannoowwan fakkeenya ta’an qooddachuu, milkaa’inoota jiranirraa barachuufi wal-sirreessuun gara fuulduraatti waliin socho’uun dhimma cimee ittifufuu qabuudha.
Walumaagalatti, adeemsa muuxannoo waljijjiirraa Itoophiyaafi Naajeeriyaa kana keessatti, MNO muuxannoo isaa qoodera. Kanaaniis qonnaa ammayyeessuun galma dhumaa osoo hintaane, ka’umsa ce’umsa dinagdee ta’uu agarsiifnerra. Akkasumas, muuxannoowwan biroo irraa qooddachaa, irraa barachaafi haala ofiitti madaqsinee gara sirna omishaa keenyatti galchaa jiraachuu mirkaneessineerra. Dhumarratti, sochii mara hawaasa boru arguu barbaannu — 𝗱𝗵𝗮𝗹𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗱𝗼𝗿𝗴𝗼𝗺𝗮𝗮, 𝘂𝗺𝗺𝗮𝘁𝗮 𝗱𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲 𝘆𝗮𝗯𝗯𝘂𝘂𝗳𝗶 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮 𝗰𝗶𝗺𝗮𝗮 — dhugoomsuu keessatti gahee qabuun kan madaallu ta’uu hubachiifnerra.
Kun, 𝗜𝗺𝗮𝗹𝗮 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗶𝘆𝗮𝗮ti!
Maddaa-Oromia President Office