Itti Aantuu Barreessaa Olaanaa dhaabbata mootummaata Gamtoomanii Aminaa Muhaammad daawwannaa hojiitiif Finfinnee galan - ENA Afaan Oromoo
Itti Aantuu Barreessaa Olaanaa dhaabbata mootummaata Gamtoomanii Aminaa Muhaammad daawwannaa hojiitiif Finfinnee galan
Fulbaana 28/2019 (ENA) Itti Aantuu Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Aminaa Muhaammad daawwannaa hojiitiif Finfinnee galaniiru.
Itti Aantuun Barreessaa Olaanaa yeroo Buufata Xiyyaara Idil-addunyaa Boolee gahan, De’eetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeetiin simannaan taasifaseeraf.
De’eetaan Ministiraa akka ibsanitti, daawwannaan Itti Aantuu Barreessaa Olaanaa kun dhimmoota waloo Itoophiyaan fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dursa kennaniif irratti marii’achuu fi hariiroo waggoota dheeraa qaban caalaatti cimsuuf carraa dabalataa kan uumu ta'uu ibsaanii odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame mul’isa