Irreecha Malkaa Ateeteetti kabajamuuf haaldureen barbaachisu xumuramuun ibsame - ENA Afaan Oromoo
Irreecha Malkaa Ateeteetti kabajamuuf haaldureen barbaachisu xumuramuun ibsame
Fulbaana 28/2019(ENA): Magaalaa Shaggar Kutaa magaalaa Gafarsa Gujeetti Irreecha Malkaa Ateeteetti onkoloolessa kabajamuuf haaldureen barbaachisu xumuramuun ibsameera.
Irreechi Sirna galateeffannaa Uummanni Oromoo Ganna Gurraacha irraa gara booqaa Birraatti darbuu isaatiif Uumaa isaa galateeffatu yootahu, mallattoo Obbolummaa, Tokkummaa, Jaalalaafi Araaraati!
Irreechi Malkaa Ateetee bara kana Onkoloolessa 1 kan kabajamu yoo ta’u Ayyaannichi karaa duudhaa isaa eeggateen bifa miidhagina qabuun akka kabajamuuf qophiin garaagaraa taasifamaa jira.
Haaluma Kanaan kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr.Tashooma Addunyaa, I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar obbo Alamaayyoo Tulluu, Itti Aanaa Kantiibaan Magaalaa Shaggar obbo Guyyoo Galgaloo, Bulchituun Kutaa Magaalichaa Aadde Boontuu Waaggaarii, I/G Waajjira Paartii Bsdhaadhinaa damee Kutaa Magaalichaa Obbo Tafarii Nigaatuu fi Hooggansi garaagaraa qophii Kabaja Ayyaanichaatiif taasifamaa jiru daawwataniiru.
Uummanni naannichaa kabaja Irreecha Malkaa Ateetee Onkoloolessa 1/2019 gaggeefamu ilaalchisee keessummoota dhufan simachuuf qophii xumuruu dubbataniiru.