Riifoormii fi imaamata damee Turiizimii caalatti dorgomaa taasisuuf hirmaannaan hawaasaa fi qooda fudhattootaa murteessadha - ENA Afaan Oromoo
Riifoormii fi imaamata damee Turiizimii caalatti dorgomaa taasisuuf hirmaannaan hawaasaa fi qooda fudhattootaa murteessadha
Fulbaana28/2019 (ENA) Riifoormii fi imaamata damee Turiizimii caalatti dorgomaa taasisuuf hirmaannaan hawaasaa fi qooda fudhattootaa murteessata’uun ibsameera.
Gumiin balballoommii Tajaajila Kominikeeshinii Oromiyaan qophaa'u dhimmoota sochii turizimiifi fayyadamummaa hawaasaan walqabatan ilaalchisuun Biiroo Tuurizimii Oromiyaa waliin turtii taasiseera.
Gumiin Balballoommii tajaajilichaan qophaa'u akka naannichaatti dhimmoota dinagdee, hawaasummaa, nageenyaa fi kanneen biroorratti qorannoo bal'aa erga taasiseen booda sektera dhimmi ilaallatuuf firii qorannoo isaa dhiyeessuun kallattii furmaataa irratti ni mariisisa.
Haaluma kanaan qorannoo misooma tuurizimii keessatti gaggeesseen hanqinoota jedhee kan adda baaseefi kallattii furmaataarratti mariyateera.
Dhimmoota kana keessaas harkifannaa pirojeektii naannoo hawwata tuurizimii, fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuurratti, faalama naannoo to'achuun walqabatee, hanqina mana nyaataafi loojiiwwanii kanneen biroo mul’atanirratti xiyyeeffate.
Biiroo Tuurizimii Oromiyaarraa Obbo Naggaa Wadaajoo marii gaggeeffame kanarratti mootummaan jijjiiramaa guyyaa jijjiiramaa eegalee damee dinagdee keessaa sektera tuurizimiif xiyyeeffannoo addaa kennee hojii hojjeteen bu'aalee hedduufi abdachiisaan argamaa dhufuu himaniiru.
Keessumaa riifoormiifi imaammata damee tuuriizimiirratti taasiseen bakkeewwan hawata turizimii turanii fi haaraan hedduun bakka qaqqabinsa tuuriizimii taasifamuun yaa'insi tuuristootaas dabalaa dhufeera.
Haa ta’u malee sadarkaa barbaadamuun hawaasa irraa fayyadamaa taasisuuf hojiin guddaa kan hafuu fi qindoomina olaanaan hojjetamuu kan gaafatudha jedhan.
Damee turizimii hawaasa hin hirmaachisne dinagdee maddisiisuun jijjiirama barbaadamu fiduun kan hin danda’amne ta’uu Obbo Naggaa ibsaniiru.
Hawaasni naannichaa damee turizimii keessatti adda durummaan akka hirmaatuufi irraa fayyadamu taasifamaa kan jiru ta’uu kaasaniiru.
Kanaaf mootummaan hirmaannaafi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu, qindoomina qooda fudhattootaa cimsuu, abbootii qabeenyaa hirmaachisuurratti xiyyeeffatee hojjetaa jiraachuu eeraniiru.
Damicharraa adda durummaan fayyadamummaafi hirmaanna uummataa mirkaneessuudha kan jedhan Obbo Naggaan kana waanta'eef dhimmoota akka qaawwaatti ka'anirratti mootummaan kan hojjetuu cinaatti hirmaannaafi qoodafudhannaan hawaasaafi damee dhuunfaa murteessaa ta'uu ibsaniiru.
Dursaan Garee Kominikeeshinii biirichaa Ashannaafii Habtee biyyi keenyas ta'e naannoon keenya hambaa qabatamaa fi hambaalee kiliyaa hedduu waan qabduuf yaa'insi tuuristootaa dabalaa jiraachuu ibsaniiru.
Turtii tuuristootaa dheeressuuf,hojiin beeksisaa fi piromooshinii bal'aan hojjetamaa ture caalaatti itti fufee hojjetamuu akka qabu obbo Ashannaafiin ibsaniiru.
Qabeenya tuurizimii naannoon keenya qabdu qixaan beeksisuufi galii biyyi argachuu qabdu akka argattu taasisuu keessatti gaheen miidiyaaleefi kominikeeshinii olaanaa waanta'eef qindoominni cimuu akka qabu dhaamaniiru.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa# Mul'ata Guddaa#