Miseensonni kaabinee hawwii Itoophiyaa kan dhugoomsanii fi ummata amanamummaadhan kan tajaajilan ta'uu qabu- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Miseensonni kaabinee hawwii Itoophiyaa kan dhugoomsanii fi ummata amanamummaadhan kan tajaajilan ta'uu qabu- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Fulbaana 28/2019(ENA Miseensonni kaabinee hawwii Itoophiyaa kan dhugoomsanii fi ummata amanamummaadhan kan tajaajilan ta'uu akka qaban Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan.
Miseensi Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa 7ffaa bara hojii 1ffaa walgahii idilee 1ffaa isaanii gaggeessaniiru.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad kaabinee mootummaa Ida’amuu Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiif dhiyeessaniiru.
Manni marichaas muudama kaabinee kanaa mirkaneesseera.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad muudamicha ilaalchisee yaadonni miseensota mana maree irraa kennaman guutummaatti kan fudhatamuufi ijaarsa kan qabu ta'uu ibsaniiru.
Ulaagaa jalqabaa irratti miseensonni kaabinee yeroo hunda barachuuf qophaa'oo ta'uun akka isaan irraa eegamu dubbataniiru.
Harki keenyaa fi garaan keenya qulqulluu ta'uu akka qabuu fi tajaajiltoota ta'uu akka qabanis ibsaniiru.
Ministiroonni kunis hanna irratti qabsaa’uu, fi ittisuu irratti cimanii hojjechuu akka qabanis ibsaniiru.
Ministiroonni kunneen kutannoodhaan hojechuu fi tajaajiluun akka isaan irraa eegamu hubachiisaniiru.
Kaabinee kana gurmeessuuf ji'oota baay'ee fudhatamee kan irratti hojjetame ta'uu ibsuun, hamma danda'ametti ulaagaa barbaachisu guutuu isaanii mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamuu hubachiisaniiru.
Muudama miseensota kaabinee keessatti hirmaannaan dubartootaa hirmachisummaa kan agarsiisuufi biyyoonni biroos muuxannoon irraa fudhachuu kan qaban ta'uu dubbataniiru.
Miseensonni kaabinee dubartoota ta'an kan filataman saala qofaaniin osoo hin ta’iin dadeettii hojii fi dandeettii raawwachiisuun ta'uu ibsaniiru.
Ministiroonni kun hawwii Itoophiyaa raawwachuu fi tajaajila lammiilee giddu-galeessa kan godhate hojechuu qabu jedhaniiru.
Mani marichaa dandeettiifi hojii miseensota kaabinee irratti hordoffii barbaachisu gochuudhaan yaada gorsaa akka dhiyeessu waamicha dhiyeessaniiru.