Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad , kaadhimamtoota kaabinee Mana maree bakka bu'oota uummataaf dhiheessan

Fulbaana 28/2019(ENA) Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad , kaadhimamtoota kaabinee Mana maree bakka bu'oota uummataaf dhiheessaniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad , Obbo Saadaat Nashaa ministira Loojistiksii ta’anii akka tajaajilaniif Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaassaniiru.

Akkasumas Ministirri Mummee Dr. Abiyyi Ahimad, Aadde Alamtsahay Phaawulos Ministira Albuudaa, ta'anii akka tajaajilaniif Mana Maree bakka bu'oota uummataaf dhiyeessaniiru.

Haaluma walfakkaatuun , Ministirri Mummee Dr. Abiyyi Ahimad, Dr.Akliiluu Taaddasaa Ministira Dargaggoo fi Ispoortii , Aadde Shawwiit Shaankaa ministira dhimmaa dubartootaa fi Hawaasummaa , Dr.Sulxaan Walee Ministira Jallisii fi Naannawaa gammoojjii ta’anii akka tajaajilaniif kaadhimammuun dhiheessan.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Muudama Ministirootaa Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaassaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015