Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Muudama Ministirootaa Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaassaniiru - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Muudama Ministirootaa Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaassaniiru
Fulbaana 28/2019(ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Muudama Ministirootaa Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaassaniiru.
Haaluma kanaan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), obbo Barakat Fissahaatsiyoon Ministira Tarsiimoo Biyyaalessaa ta'uun akka tajaajiluuf Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti kaadhimamamummaan dhiyeessaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad obbo Awwaluu Abdii Ministira hojii fi ogummaa ta’anii akka tajaajilaniif kadhimamummaan bakka bu’oota ummataaf dhiyeessaniiru.
Akkasumas Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Injinar Muhaammad Abdurraahimaan ministira magaalaa fi bu’uuraalee misoomaa ta’uun akka tajaajilaniif dhiyeessaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, aadde Salamaawiit Kaasaa Ministira Aadaa fi Turizimii ta’anii akka tajaajilaniif kadhimamummaan bakka bu’oota ummataaf dhiyeessaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Aadde Fireehiyiwoot Taammiruu Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii ta’anii akka tajaajilaniif kadhimamummaan bakka bu’oota ummataaf dhiyeessaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Obbo Muusaa Adam Ministira Nageenyaa
ta’anii akka tajaajilaniif kadhimamummaan bakka bu’oota ummataaf dhiyeessaniiru.
#Mootummaa Ida'amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul’ata Guddaa!
Miseensa Maatii ENA ta’aa: https://www.ena.et/web/links