Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Muudama Ministirootaa Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaassaa jiru

Fulbaana 28/2019(ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Muudama Ministirootaa Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaassaa jiru.

Haaluma kanaan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), Geediyoon Ximotiyoos (PhD) Ministira Dhimma Alaa ta'uun akka tajaajiluuf Bakka Bu’oota ummataaf kaadhimamummaan dhiyeessaniiru.

Akkasumas Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad obbo Addisuu Araggaa Ministira Qonnaa ta’anii akka tajaajilaniif bakka bu’oota ummataaf kadhimamummaan dhiyeessaniiru.

Bifuma walfakkaatuun Ministira Fayyaa ta’uun akka tajaajilaniif Dr. Maqidas Dhaabaa kaadhimamummaan bakka bu’oota ummataaf dhiyeessaniiru Ministirri Muummee Dr. Abiyyii Ahimad.

Doktor Injiinar Habtaamuu Ittafaa ministira bishaanii fi inarjii ta’uun akka tajaajilaniif kaadhimamummaan dhiyeessaniiru Dr. Abiyi Ahimad.

Aadde Yaasmiin Wahaabirabbii Ministira Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannaawaa ta’uun akka tajaajilaniif Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kaadhimamaniiru.

‎#Mootummaa Ida'amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul’ata Guddaa!

Miseensa Maatii ENA ta’aa: https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015