Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin Hulaa Galaanaa gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef deebii sirrii barbaada

Fulbaana 28/2019 (ENA) Gaaffiin hulaa galaanaa gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef, deebii sirrii hanga argatutti tattaaffii mootummaan taasisaa jiru akka deeggaran jiraattonni Godina Kibba Oromiyaa ibsan.

Jiraattonni yaada isaanii ENA’f kennan;akka ibsanitti Gaaffii hulaa galaanaa mootummaan gaafachaa jiru dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eeef tattaaffii mootummaan hulaa galaanaa karaa nagaatiin argachuuf taasisaa jiru ni deeggarra jedhaniiru.

Gaaffiin hulaa galaanaa guddina dinagdee fi wabii nageenyaatiif murteessaa waan ta’eef deebii madaalawaa barbaada; nutis gaaffichi hanga deebiii argatutti mootummaa cinaa dhaabbachuun shoora nu irraa eegamu bahuuf qophiidha jechuun jiraattonni ibsaniiru.

Jiraattota kanneen keessaa jiraataan magaalaa Adoolaa Obbo Ashannaafii Daanqoo, guddina magaallichatti eegalame caalaatti cimsuudhaan itti fufsiisuuf shoora isaanii akka bahatan eeraniiru.

Jiraataan magaalaa kan biraan Obbo Isheetuu Haayiluu gama isaaniitiin; mootummaan karaa nagaatiin hulaa galaanaa argachuuf tattaaffii gochaa jiru kan dinqisiifatamudha jedhaniiru.

Tattaaffiin diploomaasii mootummaan gochaa jiru gara hojiitti hanga jijjiiramutti mootummaa bira dhaabbachuun shoora isaanii bahuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

Jiraattuu magaalaa Nagellee Booranaa Aadde Rahimaa Abdullaahii gama isaaniitiin; mootummaan badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf kallattii kaa’e guutummaatti akka deeggaran ibsaniiru.

Bu’aawwan misoomaa kanaan dura galmeeffaman cimsuudhaan itti fufsiisuuf hulaa galaanaa argachuun dhimma filannoo hin qabneedha jechuun ibsaniiru.

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa# fi Mul'ata Guddaa#

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015