Karoorawwan Mootummaa Ida’amuun qophaa'an fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf kan dandeessisanidha - ENA Afaan Oromoo
Karoorawwan Mootummaa Ida’amuun qophaa'an fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf kan dandeessisanidha
Fulbaana 28/2019 (ENA): Karoorawwan mootummaa Ida’amuun karoorfaman fayyadamummaa uummataa mirkaneessuun biyya fooyyoofte ijaaruuf kan dandeessisan ta'uu isaanii jiraattonni Godina Oromiyaa Lixa Oromiyaa Magaalaa Gullisoo ibsan.
Mootummaan Ida’amuu bara aangoo fuulduduraatti guddina biyyaa fi badhaadhina waaraa mirkaneessuuf kan dandeessisan karoorawwan tarsiimawaa gurguddoo karoorsee gara hojiitti galeera.
Karoorawwan kunniin bu'uuraalee misooma ammayyaa, misooma kooridaraa magaalotaa, damee qonnaatiin wabii nyaataan mirkaneessuu fi ijaarsa dinagdee dijiitaalaa caalaatti cimsuun itti fufsiisuuf kan kaayyeffataniidha.
Akkasumas hojmaata mootummaa ammayyeessuudhaan, tajaajilaa teeknoolojii dijiitaalaatiin deeggaruu fi deddeebii tajaajilamtootaa hir’isuun fayyadamummaa lammiilee guddisuun kallattii fuula duraa ta’anii qabamaniiru.
Jiraattota magaalichaa yaada isaanii ENA’f kennan keessaa Obbo Margaa Sassaabaa Karoorawwan mootummaa Ida’amuun qabaman akkuma kanaa duraa fayyadamummaa biyyaa fi uummataa bu'uura kan godhatan ta’uu ibsaniiru.
Waggoottan darban dameelee garagaraatiin hojiiwwan qabatamaan jireenya hawaasaa jijjiiran hojjetamuu isaanii yaadachiisanii; ammas karoorawwan mootummaa ida’amuun qabataman biyya fooyyofte ijaaruuf kan dandeessisan ta'uu ibsaniiru.
Waggoottan jijjiiramaa darban keessatti godinichattis ta'e akka biyyaatti mootummaan qormaatilee garagaraa keessa ta'ee hojiiwwan milkaa'inaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan raawwachuusaa Obbo Abbabaa Mangashaa ibsaniiru.
Mootummaan haaraa hojiiwwan jijjiiramaa eegale milkaa'ina akka qabaataniif nagaa eegsisuun akka barbaachisaa ta’uu Obbo Jimaa Hambisaa ibsaniiru.
Fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf waggoottan darban keessatti misooma koridaraa, qonnaa, barnoota, fayyaa, bu'uura misooma daandii fi damee tajaajilaa biroo keessatti hojiiwwan eegalaman cimanii akka itti fufaniif qooda isaanii akka ba'an dubbataniiru.