Tamsaasa Kallatti:

Daandii Abdii Itoophiyaa: Filannoo irraa gara daandii ijaarsa sirna Dimokiraasiitti

Fulbaana 28/2019 (ENA) Daandii abdii Itoophiyaa; ijaarsa sirna dimokiraasii, misooma dinagdee fi ijaarsa humna biyyaa cimsuudhaan gara misooma waaraatti imala geessu ta'uu isaa barruun Nagaarii xiinxalteetti.

Barruun Nagaarii ENA’n maxxansamtu mataduree guddaa ''Daandii Abdii Itoophiyaa'' jedhuun; filannoo fi ijaarsa dimokiraasii irraa eegalee daandii jijjiiramaa fi imala guddina biyyattii waliigalaa xiinxalteetti.

Barruun kun filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaannaa lammiilee kan irratti mul'atee fi sirna dimokiraasii ijaaruu keessatti boqonnaa seenaa ta'uu isaa ibsiteetti.

Hirmaannaa paartilee siyaasaa 42 filannoo waliigalaa torbaffaa fi lammiileen barii irraa hanga halkanitti sagalee kennuu isaanii kaasudhaan, sirna dimokiraasii cimaa ijaaruuf kutannoo isaanii qoratteetti.

Nagaariin barreeffama ishee Kanaan dimokiraasiin guyyaa filannootiin qofa kan ijaaramu osoo hin ta'iin dhaabbilee cimoo, ol'aantummaa seeraa fi hirmaannaa lammiilee dammaqaan kan cimu imala yeroo dheeraa ta'uu isaa ibsiteetti.

Kaniinis ol'aantummaa seeraa fedhii siyaasaan ol kaa'uun, marii siyaasaa fi obbolumma cimaa gochuu, akkasumas bu'aa marii biyyaalessaa gara hojiitti jijjiiruu hojii mana fuula duraa godhattee kaasteetti.

Damee dinagdees humna biyyaa guddisuu fi ''hirkattummaa irraa gara of danda'uutti ce’uu daandii abdii kanaa keessatti kallattii bu'uuraa tokko ta'uunsaa ibsameera.

Hammattoo hanaan omisha keessoo guddisuu fi omishaalee alaas galan omisha keessaatiin bakka buusuudhaan humna omishaa cimsuu irratti xiyyeeffannoon godhamuu isaa ibsiteetti.

Keessattuu socho'iinsi biyya keessaa ''Itoophiyaan haa Omishtuu'' jedhamu omisha keessoo guddisuu fi omishaalee alaas galan bakka buusuudhaan jijjiirama caasaa dinagdeef gumaacha inni taasiisu ilaalchisee ibsiteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015