Tamsaasa Kallatti:

Guddinni dinagdee Itoophiyaa yaadama mandhalee irratti hundaa’uun bu’a qabeessa ta’aa jira-Pirezidaant Taayyee Atsaqasillaasee

Fulbaana 26/2019 (ENA):- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Manni Maree Federeeshinii har’a walga’ii waliinii isaanii gaggeessa jiru.

Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsaqasillaasee, guddinni dinagdee Itoophiyaan jalqabde rakkoo dandamachuu qofa osoo hin taane, yaadama mandhalee irratti hundaa’uun hogganamuun isaa bu’a qabeessa akka ta’u taasisaa jira jedhan.

Mootummaan faayidaa biyyaalessaa waaraa mirkaneessuun badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jiraachuu ibsan.

Hojiilee mootummaa keessatti ilaalcha siyaasaa ammayyaa fi marii irratti hundaa’e diriirsuuf hojjetamaa jiraachuu Pirezidaantichi himaniiru.

Imaammanni Itoophiyaan hariiroo biyyoota alaa keessatti hordoftu faayidaa biyyaalessaa dursaa kan godhate ta’uun isaa michoota hedduu horachuuf carraa uumeera jedhan.

Kana malees, dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii caalaatti akka ammayyaa’anii fi cimuuf hojiileen hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiileen hawaasummaa mootummaa fi qaamolee dhimmi ilaallatuun hojjetamanis fayyadamummaa uummataa mirkaneessaa jiraachuu Pirezidaanti Taayyee Atsaqasillaasee himaniiru.

Sabdaneessummaa cimsuun seenessa waloo fi tokkummaa biyyaalessaa caalaatti lafa qabsiisuufis hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015