Milkaa’inooni damee dinagdeetiin galmeeffaman birmadummaa dinagdee kan mirkaneessanidha - Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’inooni damee dinagdeetiin galmeeffaman birmadummaa dinagdee kan mirkaneessanidha - Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee
Fulbaana 26/2019 (ENA) Milkaa’inoonni damee dinagdeetiin galmeeffaman birmadummaa dinagdee haala waaraatiin kan mirkaneessan ta’uu Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee ibsan.
Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Mana Maree Federeeshinii walga’ii isaanii waliinii gaggeessaa jiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqa Sillaasee haasaa baninsaa manneen mareitiif gochaa jiraniin, waggoottan shananiin damee dinagdeetiin bu’aawwan argaman hojiiwwan fuulduraatiif bu’uura ta’uu danda’uu isaanii ibsaniiru.
Qonnaa, Daldala Alaa, Tuuriizimii,Industirii, Dijitaala fi dameewwan garaa garaatiin milkaa’inooni galmeeffaman guddina dinagdee caalaatti ariifachiisuu isaanii ibsaniiru.
Mootummaan liqaa daldalaa dhaabuunii fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa yeroo dheeraaf harkifatan dandeettii gahumsaan raawwachuu isaanii dabaluun guddina kanaaf shoora murteessaa taphachuu isaanii ibsaniiru.
Mootummaan karoora misoomaa waggaa 10 keessatti kallaattii dinagdee damee hedduutiin hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan argamuu hubachiisaniiru.
Sirna galii walitti qabuu dinagdee fi taaksii guddisuu isaanii akka agarsiistuutti eeraniiru.
Dinagdeen milkaa’inooni argaman qormaata fi rakkoolee ce’uu qofa osoo hin taane birmadummaa dinagdee kan mirkaneessani dha jedhaniiru.