Manni maree lameen har’a walga’ii waliinii ni gaggeessu - ENA Afaan Oromoo
Manni maree lameen har’a walga’ii waliinii ni gaggeessu
Fulbaana 26/2019 (ENA):-Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Manni Maree Federeeshinii har’a walga’ii waliinii isaanii ni gaggeessu.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Mana Maree 7ffaa, Waggaa Hojii 1ffaa, Walga’ii Idilee 1ffaa isaa kaleessa gaggeessuu isaa ni yaadatama.
Walga’ii idilee jalqabaa kanaanis, manneen maree lamaan Afa-yaa’otaa fi Itti-Aantota Afa yaa’ii isaanii filachuun hojii isaanii kan jalqaban yoo ta’u, Doktar Abiyyi Ahimad irra deebiin Ministira Muummee Itoophiyaa ta’uun muudamaniiru.
Walga’iin waliinii manneen maree lamaanis har’a daqiiqaa muraasa keessatti kan eegalu ta’uun ibsameera.