Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif ergaa baga gammadaniin dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif ergaa baga gammadaniin dabarsan
Fulbaana 25/2019 (ENA) - Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud Muummee Ministiraa Dr. Abiyyi Ahimadiif ergaa baga gammadaniin dabarsaniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa 7ffaan walga’ii idilee 1ffaa bara hojii 1ffaa manni marichaa hundaa’eetti har’a gaggeessen Dr. Abiyyi Ahimad Ministira Muummee taasisuun muudeera.
Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud ergaa dabarsaniin, Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad irra deebidhaan waan filatamtaniif baga gammaddan jedhaniiru.