Tamsaasa Kallatti:

Ergaa Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Looreeta Nagaa  Addunyaa Abiyyi Ahimad (PhD) marsaa lammaffaaf ‘Ministira Muummee Rippaabiliika Federaalawa Dimokraatawaa Itiyoophiyaa’ akka ta’aniif moggaasuu isaatiin, ummata Oromoo fi ummattoota biyya keenyaa maraan baga gammaddan jechuun barbaada.

 Hoggansa Muummee Ministiraa Abiyyi Ahimad jalatti, biyyi keenya Itiyoophiyaan ce'umsa siyaasaa, misooma hawaas-dinagdee, bu’uuraalee misoomaa, injifannoo dippiloomaasii, ammayyeessa bulchiinsaa fi ce’umsa teknooloojii irratti fagoo tarkaanfattee jirti.

 Murteen har'aas haaromsaafi ce’umsaa jalqabaman kanniin utaalchoo keessa galchuuf, akkasumas imala biyyaa keenyaa gulantaa ittaanutti ceesisuuf daran murteessadha.

Murtoon kun, dandeettii raawwachiisummaa, cichoominaa fi muldhata hoggansaa jiru ittifufsiisuun,  galmoota qabsoo ummata Oromoo milkeessuu akkasumas biyya keenya gara badhaadhina, nageenyaafi dorgomtummaa olaanaatti ceesisuuf boqonnaa haaraa kan saaqudha.

Muummee Ministiraa keenyaaf, Waaqayyo tiksee asiin isin gahe, bara hojii keessan ittaanus haamilkeessu jechaa, ummata Oromoo fi ummattoota biyyaa keenyaa maraan, maqaa kiyyaafi maqaa MNO'tiin irra deebiin baga gammaddan jechuun barbaada jechuun   Pirezidaanti Shimallis  Abdiisaa  ergaa dabarsaniiru.

  #Biyya_Guddittii, #Uummata_Guddaa, #Mul'ata_Guddaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015