Tamsaasa Kallatti:

Dura taa’aan komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammuud Alii Yusuuf Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiif ergaa baga gammadaddanii dabarsa

Fulbaana 25/2019 (ENA) Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammuud Alii Yusuuf Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa 7ffaan walga’ii idilee 1ffaa bara hojii 1ffaa hundeeffama mana marichaa har’a gaggeessen Dr. Abiyyi Ahimadiin Ministira Muummee taasisuun muudeera.

Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad irra deebidhaan waan filatamtaniif baga gammaddan jechuun barbaada jedhaniiru.

Itoophiyaan teessoo Gamtaa Afriikaa fi magaalaa guddoo dippilomaasii Afrikaa waan taateef, ardii fi uummata ishee biratti bakka addaa kan qabdu dha jedhaniiru.

Dura taa’aan kun ergaa isaaniitiin, Gamtaan Afrikaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimedii fi mootummaa waliin ajandaa walitti hidhaminsa, nagaa, tasgabbii fi misoomni Afriikaa haala cimee jiruun itti fufsiisuuf walitti dhiheenyaan kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

#Biyya_Guddittii, #Uummata_Guddaa, #Mul'ata_Guddaa

See less

Check out your Face

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015