Yaada furmaata marii biyyaalessaa bu'uura taasifachuun fooyya'insi Heera Mootummaa ni taasifama — Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Yaada furmaata marii biyyaalessaa bu'uura taasifachuun fooyya'insi Heera Mootummaa ni taasifama — Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Fulbaana 25/2019 (ENA) Yaada furmaataa marii biyyaalessaa bu'uura godhachuun fooyya'insi heera mootummaa kan jiraatu ta'uu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad beeksiisan.
Sirni hundeeffama mootummaa Ida'amuu fi baninsa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa gaggeeffameera.
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Doktar Abiyyi Ahimad waggoota shaniin dhufaniif Ministirri Muummee FDRI taasisuun muudeera.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad muudama isaanii hordofuun haasaa taasisaniin; gara fuulduraatti akka yaada furmaataa marii biyyaalessaatti fooyya'insi heera mootummaa ni jiraata jedhaniiru.
Dirreen siyaasa Itoophiyaa tumsaa fi dorgommii irratti hundaa'ee akka ittifufu kan taasifamu ta'uu beeksiisaniiru.
Kaniinis paartilee morkattootaa xiyyeeffannoodhaan keessattuu adeemsa filannoo keessatti hirmaannaa gochuu qaban waliin hojjechuuf mootummaan qophii ta'uu isaas mirkaneessaniiru.