Itoophiyaan yoomiyyuu hin kuftu; imala badhaadhinaa ishee seenaa boonsaa galmeessuun itti fufti - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan yoomiyyuu hin kuftu; imala badhaadhinaa ishee seenaa boonsaa galmeessuun itti fufti
Fulbaana 25/2019 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa har’a sirna hundeeffama Mootummaa Ida’amuu haaraa gaggeessuun, Dooktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Itoophiyaa taasisuun muude.
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad sirna hundeeffama mootummaa haaraa irratti haasawa taasisaniin, Itoophiyaan rakkoolee ishee mudatan hunda cichoominaan mo’achuun gara fuulduraatti ce’aa jirti jedhan.
Itoophiyaan biyya seenaa fi duudhaa guddaa qabdu ta’uu himuun, bu’uuraalee cimaa biyya kanaa caalmaatti jabeessuun imala badhaadhinaa itti fufsiisuu akka qabnu ibsan.
Yaadama Ida’amuu bu’uura godhachuun tokkummaa biyyaalessaa caalmaatti cimsuu fi ijaarsa biyya jabaa itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Abiyyi Ahimad dubbataniiru.
Yaadni Ida’amuu bu’aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu himuun, sirna siyaasaa biyyaas gara siyaasa sabdaneessaatti ceesisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Gama dinagdeetiinis, riifoormiiwwan gaggeeffamaa jiran bu’aa qabatamaa fiduu himuun, rakkoolee dinagdee fi hawaasummaa jiran furuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Guddina Itoophiyaa gufachiisuuf humnoonni gara garaa yaalii taasisan akka hin milkoofne himuun, nageenya fi tasgabbii biyya jeequuf yaaliin taasifamus bu’aa akka hin arganne dubbataniiru.
Karaa hundaanuu yaaliiwwan Itoophiyaa gufachiisuuf taasifaman jiraatanis, imala biyyattiin qabde dhaabuu akka hin dandeenye Dooktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
“Itoophiyaan yoomiyyuu hin kuftu; imala badhaadhinaa ishee seenaa boonsaa galmeessuun itti fufti,” jechuun Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Dabalataanis, Itoophiyaan naannawaa ishee keessatti dhimmawwan faayidaa biyyaalessaa ishee ilaallatan ofi isheetiin murteessuu akka qabdu ibsaniiru.
Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!