Tamsaasa Kallatti:

Filannoon marsaa 7ffaa aadaan dimokiraasii guddachaa jiraachuu mirkaneesseera – Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad

Fulbaana 25/2019 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa har’a sirna hundeeffama Mootummaa Ida’amuu haaraa gaggeessuun, Doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Itoophiyaa taasisuun muudeera.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad haasawa taasisaaniin, filannoon marsaa 7ffaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffame aadaan dimokiraasii guddachaa jiraachuu kan agarsiise ta’uu ibsaniiru.

Addunyaan yeroo ammaa jijjiirama ji’oo-polotikaa fi addunyaa saffisaa keessa akka jirtu kan eeran Ministirri Muummee, jijjiiramni kun carraa fi rakkoolee haaraa uumuu akka danda’u hubachiisaniiru.

Jijjiirama gara fuulduraatti dhufuu danda’u dursanii hubachuun, haala kanaaf of qopheessuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan haalota gara fuulduraa addunyaa keessatti uumamuu danda’an tilmaamuun, carraa fi rakkoolee mudachuu danda’aniif of qopheessaa jiraachuu Dooktar Abiyyi Ahimad himaniiru.

Akka biyyaatti rakkoolee uumamuu danda’an dursanii adda baasuun, qophii gahaa taasisuun barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Keessumaa yeroo ammaa haalli ji’oo-polotikaa naannawaa fi addunyaa saffisaan jijjiiramaa jiraachuu ibsuun, Itoophiyaan haala kana hubachuun birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa ishee tiksuuf qophii cimaa qabaachuu akka qabdu dubbataniiru.

Jijjiiramni ji’oo-polotikaa naannawaa akka malee saffisaa ta’aa jiraachuu eeruun, Itoophiyaan haala kana keessatti gahee fi faayidaa ishee eegsisuuf murteewwan sirrii fi qophii gahaa irratti xiyyeeffachuu akka qabdu ibsaniiru.

Ministirri Muummee, haala jijjiiramaa jiru keessatti birmadummaa biyyaalessaa tikfachuu, faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu fi egeree biyyattii mirkaneessuuf qophii yeroo yeroon cimsuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015