Tamsaasa Kallatti:

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Itoophiyaa taasise Muude

Fulbaana 25/2019 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa har’a Mootummaa Ida’amuu haaraa hundeessaa jira.

Haaluma kanaan, Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaa'ii gaggeesseen Dooktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Itoophiyaa taasisuun muudeera.

Filannoo Waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24/ 2018 gaggeeffameen, Paartiin Badhaadhinaa sagalee caalmaa mootummaa hundeessuuf dandeessisu argachuun isaa ni yaadatama.

Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015