Tamsaasa Kallatti:

Hundeeffamni Mootummaa Ida’amuu gaggeeffamaa Jira

Fulbaana 25/2019 (ENA): Sirni hundeeffama Mootummaa Ida’amuu gaggeeffamaa jira.

Filannoon Waliigalaa 7ffaan Caamsaa 24/2018 gaggeeffame nagaa, dimokiraatawaa, haqa qabeessaafi amanamaa ta’uun isaa ni yaadatama.

Filannoo kana irratti paartileen siyaasaa 42, kaadhimamtoonni kuma 10 fi filattoonni miiliyoona 54 ol hirmaataniiru.

Filannoo kanaanis Paartiin Badhaadhinaa sagalee caalmaa mootummaa hundeessuuf isa dandeessisu argachuun isaa ni yaadatama.

Akkaataa Heera Mootummaa FDRI, Keeyyata 50, Keewwata Xiqqaa 3tti, aangoon mootummaa Federaalaa olaanaan kan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa yoo ta’u, itti gaafatamummaan isaas ummataaf ta’a.

Akkasumas, akka Heera Mootummaa FDRI, Keeyyata 58, Keewwata Xiqqaa 2 jalatti tumametti, yeroo hojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa waggaa shanii dhumaa ji’a Fulbaana irraa eegalee Wiixata jalqabaa ni xumurama.

Haaluma kanaan, sirni hundeeffama Mootummaa Ida’amuu haaraa har’a gaggeeffamaa jira.

Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015