Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan birmadummaa, tokkummaa daangaa Ishee fi faayidaa biyyaalessaa ijoo ishee tiksuuf yeroo hunda qophii dha — Ministeera Dhimma Alaa

 

Fulbaana 25/2019 (ENA): Itoophiyaan birmadummaa ishee, tokkummaa daangaa ishee fi faayidaa biyyaalessaa ijoo ishee tiksuuf yeroo hunda qophii ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen akka beeksisetti, Itoophiyaan madda Laga Abbayyaa yoo taatu, bishaan Abbayyaa/Naayil keessaa harki caalaan lafa olka’aa Itoophiyaa irraa maddu.

Kana malees,lagni Abbayyaan Bishaan Naayil waliigalaa keessaa gara dhibbeentaa 85 ta’uuf gumaacha qaba.

Kanaafuu, itti fayyadamaa fi bulchiinsa Laga Abbayyaa ilaalchisee mariiwwan taasifaman kamiyyuu dhugaa bu’uuraa kana kanneen hubannoo keessa galchan ta’uu qabu jedheera.

Ministeerichi Itoophiyaan hariiroo naga-qabeessaa, walkabajaa fi tumsa naannawaa cimsuu akka itti fuftu mirkaneessuun, birmadummaa ishee, tokkummaa daangaa ishee fi faayidaa biyyaalessaa ijoo ishee tiksuuf yeroo hunda qophii ta’uu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015