Mootummaa Ida’amuu – wabii Faayidaa biyyaalessaa - ENA Afaan Oromoo
Mootummaa Ida’amuu – wabii Faayidaa biyyaalessaa
Itoophiyaan har'a mootummaa haaraa hundessiti. Mootummaan kun fedhii dhaloota har'aa qofa osoo hin taane, fedhii dhaloota egeree hundee jabaa irratti kan dhaabu ta'a. Mootummaan haaraan kun amaanaa uummata bal'aa fudhachuudhaan Itoophiyaa boruu kan olkaaasuu ta'uun isaas mirkanaa'aadha.
Itoophiyaan seenaa ishee keessatti qormaatilee siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa wal- xaxaa ta'an keessa darbitee har'a boqonnaa haaraa irratti argamti. Mootummaan haaraan kun faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa, birmadummaa ishee fi guddina waloo uummattoota isee mirkaneessuuf tattaaffii walirraa hin cinne taasisaa turte keessatti imala ishee fuulduraa karaa caalaatti fooyya'een kan ittifufu ta'a.
Imalli seenaa qabeessi kun salphaatti kan argame miti. Uummannis hiree murteeffannaa fuulduraa isaaf sagalee isaatiin fayyadamee amaanaa seenaa isaa bahachuuf qormaatilee walxaxaa ta'an bira darbeera.
Qormaata keessa darbee sagalee inni kenne adeemsa filannoo akkasumaan ta’e qofa osoo hin taane; dhimma dantaa biyyaaleessaa kabachiisuu, nagummaa biyyaa eegsisuu fi dhaloota dhufuuf biyya caaltu dabarsanii kennuuf fedhii jabaa qabu kan ittiin ibsatedha.
Mootummaan haaraan har'a hundeeffamu kunis bu'aa amaanaa fi jabeenya uummataati. Mootummaan Ida’amuu kun faayidaa seenaa, uumamaa fi naannawaa biyyattii ni kabachiisa; birmadummaa daangaa Itoophiyaa fi dantaashee fuulduraa ishee diplomaasii jabaa fi tokkummaa keessoo isheetiin ni eega.
Gaaffiiwwan ariifachiisaa har'aatif deebii kennuu qofa osoo hin taane, dhaloota dhufuuf biyya itti amanamtu, dinagdeedhaan badhaadhte fi faayidaa biyyaaleessaa ishee kabachiiste kan ijaaru ta'a.
Itoophiyaan faayidaa biyyaalessaa ishee bishaanota lamaan irratti gochuudhaan kutannoodhaan socho'aa jirti.
Bisaan Abbayyaa guddina hundagaleessaaf fayyadamuu eegaltetti Hidha Haaromsaa guutuutti xumuruun gahumsa raawwachuu ishee mirkaneessiteetti.
Imalli kun salphaa hin turre; biyyattiin keessas ta'e alatti qormaatilee, dhiibbaawwan hedduu bira darbitee sadarkaa kana irra geesseetti.
Har'a Itoophiyaan faayidaa biyyaaleessaa ishee caalaatti kan eegsisuuf gaaffii abbummaa hula galaanaa kaasuun dhimmicha ajandaa addunyaa taasisteetti.
Mootummaan Ida’amuu Itoophiyaan Hulaa galaanaa seeraan ala dhabde akka argattu karaa sirrii ta'een kan deemuu fi kaayyoo isaas kan galmaanahu ta'a.
Mootummaan haaraan har'a hundeeffamu Itoophiyaa boruuf bu'uura dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa jabaa kan uumu ta'a; fedhii hula galaanaa biyyattii, fayyadamumma haqa qabeessa Abbayyaa, nageenya keessoo fi bilisummaa dinagdee xiyyeeffannoo kenneuudhaan kan eegsisudha.
Waanta hundumaa olitti Itoophiyaan shira hamaa diina seenaa fi ergamtoota isaanii kan waggoota hedduu ni fashaleessiti. Dhiibbaa keessoo fi alaa kutannoo uummata isheetiin, tokkummaa fi gootummaa biyyaalessaa hin sochoneen injifachaa itti fufti.
Mootummaan Ida’amuu haaraan har'a hundeeffamu kunis abdii fi amantaa uummataa bu’uura qabsiisuun, faayidaa biyyaaleessaa Itoophiyaa kabajchiisee fi eeggatee dhaloota dhufuuf biyya mijattuu fi bu'uura jabaa irratti ijaaramte dabarssee kennuuf itti gaafatamummaa seenaa qaba.