Hundeeffamni mootummaa haaraa har'a ni raawwatama - ENA Afaan Oromoo
Hundeeffamni mootummaa haaraa har'a ni raawwatama
Fulbaana 25/2019 (ENA): Sirni hundeeffama mootummaa haaraa har'a ni raawwatama.
Filannoon waliigalaa 7ffaan Caamsaa 2018 gaggeeffame nagaa, dimokiraatawaa, haqa qabeessaa fi amanamaa ta’uun isaa kan yaadatamudha.
Filannoodhuma kana irratti paartileen siyaasaa 42, kaadhimamaa 10,438 fi filattootni miiliyoona 54 ol hirmaataniiru.
Akkaataa heera mootummaa FDRI Keewwata 50 Keewwata Xiqqaa 3tti aangoo ol’aanaan mootummaa federaalaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa yoo ta'u, itti waamani isaas ummatadha.
Akkasumas, akkuma Heera Mootummaa Keewwata 58 Keewwata Xiqqaa 2 jalatti tumameen yeroon mana marichaa inni dhumaa ji’a Fulbaanaa Wixata jalqabaa akka xumuramu akkuma eerame,guyyaa har'aa sirni hundeeffama mootummaa har’a ni raawwatama.
Akka Heera Mootummaa keewwata 56tti paartiin siyaasaa mana maree bakka bu’oota uummataa keessatti teessoo harka caalu argate qaama raawwachiiftuu federaalaa kan ijaaru yoo ta’u, qaamni raawwachiiftuu haaraan ummanni filate guyyaa sanatti itti gaafatamummaa ifatti ni fudhata.
Sirnichaaf qophiin barbaachisu guutummaan guututti xumuramee jira.
Bulchiinsi naannolee fi magaalotaa kanaan dura mootummaa isaanii hundeessanii jiru.