Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan mirga hidha jallisii ijaaruu fi dhiyeessii bishaanii qabdutti fayyadamaa jirti

Fulbaana 24/2019 (ENA): Itiyoophiyaan mirga birmadummaa, imaammata bishaanii fi seera addunyaa waliin walsimsiisuun hidha jallisii fi dhiyeessii bishaanii laga Magaci irratti ijaaraa jirtu gara xumuraa irra gahuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Injinar Habtaamuu Ittafaa (PhD) ibsaniiru.

Ministirri Bishaanii fi Inarjii, Injinar Habtaamuu Ittafaa (PhD) turtii ENA waliin taasisaniin, akka himanitti, namoonni siyaasaa Masrii Itiyoophiyaan hidhaalee biyyoota yaa’a abbayyaa hin miine ijaaruuf eyyama isaanii gaafachuu akka qabdu kan dubbatan ta’uu eeruun, kana dubbachuun isaanii kan nama qaanessudha jedhani.

Aanga'oonni kunniin seenaa hidha Aswaan duubatti deebi'anii ilaaluun hidha kana ijaaruu isaaniin dura Itiyoophiyaa mariisisuu fi dhiisuu isaanii akka yaadan gorsaniiru.
Itti fayyadama laga Abbayyaa irratti ejjennoon Masriin qabdu yeroon kan darbee fi bara koloneeffataa ta’uu kan calaqqisiisu dha jedhan.

"Nuti kan Abbayyaati, Abbayyis kan keenya" kan jedhan yoo ta’u warri Masirii, ilaalchi kun gumaacha Itiyoophiyaan bishaan laga Abbayyaa keessatti qabdu tuffachuu fi fedhii ummata Itoophiyaa kan gaddugaleeffate miti jedhani.

Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa adda durummaan humna elektirikii bishaanii maddisiisuuf kan ijaarame ta’uu ibsuun, Magac laga Abbayyaa irraa kan maddu yoo ta’u, miidhaa Gibxii irratti kan hin geessisne ta’uu ibsaniiru.
Itoophiyaan bu’uuraalee bishaanii haala karoora biyyaalessaan misoomsuuf eeyyama qaama biraa kan gaafattu akka hin jirre eeraniiru.

Itiyoophiyaan mirga abbaa biyyummaa misoomaaf qabdu hojiirra oolchuuf pirojektii misoomaa Magac akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Ministirri Bishaanii fi Inarjii Itiyoophiyaan biyya birmadummaa qabdu mootummaa mataa ishee, sirnaa fi imaammata mataa ishee qabdu ta’uu ibsuun, Itiyoophiyaan hojii misoomaa isheef hayyama eenyuuyyuu akka hin barbaachifne dubbataniiru.

Itiyoophiyaan hariiroo biyyoota yaa’a laga Abbayyaa waliin qabdu ilaalchisee ejjennoo qabdu fayyadamummaa waliinii irratti kan hundaa’e ta’uu dubbataniiru. Kanaaf sammuu koloneeffataa fi fedhiin bishaan qofaatti dhuunfachuu yeroon isaa akka darbe himaniiru.

Obboloota keenya biyyoota yaa’a laga Abbayyaa jiran tilmaama keessa galchinee; biyyoota kanneen waliin guddachuu fi isaaniif yaaduu irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.
Mormiin pirojektoota misooma bishaanii Itiyoophiyaa yeroo dheeraaf deemaa akka ture yaadachiisuun, Masriin Itoophiyaa keessatti pirojektoota bishaanii bara 1950 fi 1960 irraa eegalee mormaa akka turte dubbataniiru.
Deebiin Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii ishee misoomsuun fedhii misooma bishaanii ishee guutuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachuu akka ta’e ibsaniiru.

Ibsi qondaaltonni Masrii yeroo adda addaa kennan sammuu koloneeffataa qajeeltoo hin taanee fi imaammata Kaayiroon hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu keessatti hordoftu ifatti kan agarsiisu ta’uu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii ishee qajeeltoo itti fayyadama bishaanii haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’e irratti hundaa’uun misoomsuuf mirga birmadummaa akka qabdu ibsaniiru.

Ijaarsi Hidha Aswaan Itiyoophiyaa osoo hin mariisisiin ykn hin hayyamin kan raawwatame ta’uu kan yaadachiisan Ministirri kun, Itiyoophiyaa osoo hin dabalatiin Masrii fi Sudaan gidduutti waliigalteen bishaan Abbayyaa bara 1959 kan raawwatame ta’uu ibsaniiru. Kunis qoodinsi bishaanii biyyoota lamaan qofaan akka murtaa’u taasiseera jedhan.

Yeroo ammaa hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa xumuruun hidhaalee biroo kan akka Magec fi kanneen biroo ijaaraa jirti.

#Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa
#Ethiopia #ENA Afaan Oromoo#
Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015