Tamsaasa Kallatti:

Misooma Koriidaraa Fayyadamummaa Hundagaleessaaf.

Ammayyummaa fi guddina magaalotaa keessatti ijaarsaafi tajaajilli koriidaraa shoora guddaa fi tarsiimawaa taphata. Misoomni koriidaraa qofaatti sarara daandii fooyyessuu osoo hin taane, haaromsa dinagdee, hawaasummaa, miidhaginaa fi mala jireenya uummataa fooyyessuuf gahee olaanaa qaba. Magaalaan tokko sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtuu fi jireenyaaf mijattuu akka taatuuf, akkasumas hawwata turizimii ta’uuf,yaa’insa turistootaa dabaluuf misoomni koriidaraa dhimma murteessaa fi isa olaanaadha.

Mee gabaabsinee dhimma koriidaraa irratti isiniif haa dhiyeessinu.

Misoomni koriidaraa faayidaalee hedduu qaba.

Fayyadamummaa Hawaas-Dinagdee fi Haala Jireenya Hawaasaa Mijeessuu

Misoomsi koriidaraa hojiiwwan madaallii jireenya uummataa ol kaasanii fi haala jireenya hawaasaa mijeessan keessaa isa tokkodha. Koriidaroonni ammayyaa tarsiimoon ijaaraman tajaajila daldalaa, bakka bashannanaa, bakkeewwan boqonnaa fi tajaajiloota adda addaa sarara tokko irratti walitti fiduun carraa hojii bal'aa hawaasaaf uumu. Kun immoo sochii dinagdee sa'aatii 24f gumaachuun sadarkaa galii fi dinagdee hawaasaa guddisa. Dabalataanis, daandiiwwan miilaa bal'aan, magariisummaanii fi mukkeeniin faayaman, tajaajila ibsaa ammayyaa dhiyeessuun hawaasni bakka qulqulluu fi tasgabbii qabutti akka walitti dhufu, bashannanuu fi imalu gargaara. Kun immoo haala jireenya jiraattota magaalotaa fooyyessuu fi tasgabbii hawaasummaa mirkaneessuu keessatti qooda guddaa qaba.


 

Nageenya Tiraafikaa fi Sochii Uummataa Tartiibessuu

Gaheen koriidarri nageenya tiraafikaa fi wal-dhiibbaa uummataa hir'isuu keessatti qabu iddoo guddaa qaba. Daandiiwwan koriidaraa imaltoota lafoo, bishkiliitii fi konkolaatotaaf sarara adda baafame qabaachuu isaaniitiin balaa tiraafikaa hir'isuu keessatti shoora olaanaa taphatu.

Kana malees, daandiin lafoo bal'aan fi mala qajeelcha hawaasaa ammayyaa ta'e uummanni bal'inaan osoo wal hin dhiibiin, haala nagaa fi bilisaan akka imalan gargaara.


 

Dabalataanis, sababa ummanni kan irra imalu hin qabneen konkolaataa waliin daandii tokkorra imalu ture hambisuun rakkoo gama kanaan dhufu hir’iseera.

Miidhagina Magaalaa, Sadarkaa Idil-Addunyaa fi Hawwattummaa Turizimii Dabaluu keessatti Gahee Koriidarri qabu

Koriidaroonni magaalaa guddina magaalaa dabaluu qofa osoo hin taane, halluu fi bifa ammayyaa magaalootaaf kennuun sadarkaa idil-addunyaatti akka dorgomtu taasisu. Qulqullina, magariisummaa, ibsaa ammayyaa fi ijaarsa aartii adda addaan faayamaniin dhiyeessuun magaalaa tokko iddoo hawwataa fi qulqulluu taasisa. Bakkeewwan kunniin turistonni idil-addunyaa akka magaalattii daawwataniif hawwata guddaa uumuun, tajaajila hooteelaa, aartii fi bakka bashannanaa adda addaan dabaalamuun galii turizimii irraa argamu guddisuun biyyaaf bu’aa olaanaa qaba.

Magaalaan tokko fakkeenya idil-addunyaa akka taatuuf koriidarri bifa ammayyaawaa fi aadaa walitti qindeessuun dhiyeessuun faayidaa guddaa qaba.


 

Misoomni Koriidaraa magaalota biyya keenyaa keessatti haala miidhagaa fi adda ta’ee hawwattummaa qabuun ijaaramaa jira.

Kunis akkaataa aadaa fi safuu ummataa eeggateen ijaaramuun isaa immoo hawwattummaa guddaa dabaluun alattis hawaasni naannichaa kan isaa akka ta’e itti amanuun dhalootaaf akka dabarsu kunuunsa taasisu gargaara.

Misoomni koriidaraa wayita hawwasni hedduuminaan bahee aadaa adda baabahiitti kabajatu wal dhiphisuun akka hin uumamneef gahee olaanaa qaba. Daandiin dhiphachuun ummanni wal irra dhaabbachuun , wal ukkaamsuun balaan uumamuu ni mala’ Misoomni koriidaraa garuu kanneen haala olaanaan hambiseera.


 

Ayyaanota adda baabahiitti kabajaman keessaa tokko ayyaana Irreechaati. Ayyaanni Irreechaa keessummoota biyya keessaa fi biyya alaa miliyoona hedduutti lakkaahaman keessummeessa. Ummanni miliyoonaan tokkummaan,jaalalaa,waloomaan bahee kabajatu kana immoo nagaan bahee nagaan akka galuuf daandiin irra imalu mijachuun bu’aa olaanaa qaba.

Magaalota ayyaanni Irreechaa hedduuminaan kabajamu keessaa magaalaan Bishooftuu ishee tokkdha. Magaalattiin yeroo ammaa kana keessummoota miliyoonaan lakkaahaman simatteetti.

Dur daandiinishee dhiphaa fi imalaaf mijataa hin turre. Keessumaa immoo gaafa ummanni irreechaaf bahu baay’ee nama rakkisa ture. Garuu yeroo ammaa misooma koriidaraan daandiin ishee miidhaguun, miidhagina magaalattiif simboo addaa dabaluun cinatti keessummootaaf haala mijataa uumeera. Kan bahe nagaan akka galuuf haala mijeesseera.


 

Walumaagalatti, misoomni koriidaraa ijaarsa daandii qofa osoo hin taane, bu'uura guddina hawaas-dinagdee, qajeelfama tiraafikaa ammayyaa fi miidhagina magaalaati. Uummata wal-dhiibbaa daandii irraa ittisuun, nageenya imaltootaa mirkaneessuu bira darbee, magaalota hawwata turizimii fi dorgomtoota idil-addunyaa taasisuu keessatti shoora bakka bu'iinsa hin qabne taphata. Kanafuu, koriidara ammayyeessuu fi kunuunsuun haala jireenya hawaasaa fooyyessuuf tarsiimoowwan dursa kennamuufii qaban keessaa isa tokkodha.


 

#Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa

#Ethiopia #ENA Afaan Oromoo#

Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015