Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa qabxiilee ajandaa fi yaada furmaataa marii biyyaalessaa irraa argaman Mana maree Bakka Bu'oota Uummataatiif akkasumas Mootummaa Federaalaa fi Naannootiif har'a dhiyeesse - ENA Afaan Oromoo
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa qabxiilee ajandaa fi yaada furmaataa marii biyyaalessaa irraa argaman Mana maree Bakka Bu'oota Uummataatiif akkasumas Mootummaa Federaalaa fi Naannootiif har'a dhiyeesse
Fulbaana 23/2019 (ENA) Sagantaa kenninsa qabxiilee ajandaa fi yaada furmaataa marii biyyaalessaa irraa argaman Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee hoggantoonni olaanoo federaalaa fi naannolee bakka argamanitti gaggeeffameen, Komishiniin Marii Biyyaalessaa qabxiilee ajandaa fi yaada furmaataa marii biyyaalessaa irraa argaman Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif akkasumas mootummaa federaalaa fi naannootiif har'a kennameera jira.
Walharkaa fuudhinsi sanadaa kun ,Itoophiyaanonni Marii fi karaa nagaatiin rakkoolee seenaa Itoophiyaa furuun barbaachisaa ta'uusaa hubachuudhaan, hammattoo seeraa fi yaadama mootummaa Ida'amuutiin uumameen adeemsa marii biyyaalessaa keessatti boqonnaa guddaa kan agarsiisu ta'uu Waajjirri Ministeraa muummee beeksiseera.
Adeemsichi marii, waliigaltee fi tumsa uumuuf waltajjii hunda-hirmaachise ta'e diriirsuusaa hubachiiseera.
Wagggootan Afran darbanis adeemsichi Itoophiyanota biyya keessaa fi Ala jiran hirmaachisuu danda'ee jira.
Marii bal’aa Hirmaattonni taasisanii fi yaa’ii marii biyyaalessaa xumurameen yaada isaanii calaqqisiisuuf, ilaalchota adda addaa dhaggeeffachuuf fi dhimmoota waliigalteen irra gahame adda baasuuf carraa argatanii jiru.
Bu'aawwan kunniin seeraan dhiyaachuun isaanii ilaalchotaa fi yaada furmaataa marii sana irraa walitti qabaman gara boqonnaa itti aanuutti ceesisuuf tarkaanfii guddaa qopha'e ta'uu waajjirichi ibseera.