Irreecha Hora Harsadee kabajuuf qophiin barbaachisaan xumurameera - Waajjira Aadaa fi Ispoortii Magaalaa Bishooftuu - ENA Afaan Oromoo
Irreecha Hora Harsadee kabajuuf qophiin barbaachisaan xumurameera - Waajjira Aadaa fi Ispoortii Magaalaa Bishooftuu
Fuulbana 23/2019 (ENA) - Kabaja Ayyaana Irreecha Hora Harsadee bara 2019 Bishooftuutti kabajamuuf qophiin barbaachisu xumuramuu Waajjirri Aadaa fi Ispoortii magaalattii beeksise.
Hoggantuun waajjirichaa Aadde Gannat Mokonnin akka jedhanitti, kabaja ayyaanichaa fi simannaa keessummootaa milkeessuuf qophiin barbaachisu xumurameera.
Akkasumas abbootii qabeenyaa, abbootii amantaa, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee fi qooda fudhattoota biroo waliin mariin gaggeefamuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa keessummoonni ayyaanicha irratti hirmaachuuf dhufan gara magaalattiitti seenaa akka jiran eeranii; dhaabbileen tajaajila kennanii fi uummatnis keessummoota simachuuf qophii isaanii xumuruu isaanii ibsaniiru.